Wednesday 11 January 2017

Seenaa Gabaabaa j/Nadhii Gammadaa

JAAL NADHII GAMMADAA, GOOTA IJA BARBADAA..
Maqaan dhalootaa isaa Qaasim Hajii Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan itti beekkamu maqaa Qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 kutaa Arsii Ona Zuway Dugdaa keessatti Abbaa isaa Haaji Usmaan Roobaa fi Haadha isaa Aaddee Amiinaa Borsee irraa dhalate.

Nadhiin bara 1993 wal ga'ii ABO irratti hirmaachuf waardiyoota isaa ja'a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsii fi Harargee jidduutti argamtutti butamee achi buuteen isaa dhabame.

Nadhiin goota sammuu qaroo kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekkama. Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa qabuudha. Arra mee jechoota muraasa dhaadannoo gatii qabdu tahu kan haasawa isaa humna qabeessa keessaa walitti guureen haa yaadannu.

👉🏾 "Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qooddanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya!"

👉🏾 "Osoo alagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru!"

👉🏾 "Hiree Ummata Oromoo kan murteessu Ummata Oromooti malee anaatu sii beeka karaa kana deemtu malee kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti!" jedhuudha!"

👉🏾 "Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani!"

👉🏾 "Hundi Keenyaahuu Ummanni Oromoo bakkayyuu harka wal qabannee waliin dhaabannee waan warri Aanooleetti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannu!"

👉🏾 "Oromoon tokko. Amantiin addan  baahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu!"

👉🏾 Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu!" fi kan kana fakkaatan danuutu jira.

Qabsoo Keenya Itti fufnna, Injifanno Ummata Oromoof!
Jaal Nadhii Gammadaa, Goota ija barbadaa.

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Amajjii, 2016

No comments:

Post a Comment