Sunday 15 January 2017

Seenaa gabaaba jaal/Musxafaa Huseen

SEENAA GOOTA OROMOO BARA 2016

Jaal/Musxafaa Huseen:

Abbaa isaa obboo Huseen Buttujjii fi Haadha isaa aaddee Saafayee Nuuraa irraa Godina Arsii Bahaa Aanaa Ziwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo ykn Haburaa, ganda Sanbaroo jedhamutti bara 1985 A. L. Htti kan dhalate yoo ta'u, umrii daa'imuummaa isaatti hanga humni isaa danda'een maatii isaa gargaaraa kan tureedha.

Booda umriin isaa barnootaaf gaafa gahu M/barnoota ganda sanitti argamu"zuwaayi Minci" jedhamu galuudhaan barnoota isaa sadarkaa 1ffaa eegale. Barnoota isaas qabxii gaarii galmeessuudhaan hanga kutaa jahaatti barataa sadarkaa tures. sana booda gara godina Shawaa bahaa magaalaa Baatuutti imaluun kutaa torbaafi saddeet M/barnoota "Adventist" jedhamutti barnoota isaa itti fufe.

Gootni kun yeroo barnoota isaa kutaa saddeet baratu, uffata isaa irraatti "ani ABOdha" jedhee barreessee jennaan barsiisaan isaatiifi dura taa'aan M/barnootichaa Biirootti waamanii akkana jedhaniin "Musxafaa uffata kankee jijjiiradhu amma irraa kaasii waan barreesite kanas haqi! qabsoon garatti malee ykn of keessatti malee mul'isuunii miti"jedhaniin. Innis "ani eenyummaa, Aadaa fi seenaa saba kiyyaa ifa godhee mul'isa malee,nyaata ykn dhugaatii miti kan garatti baadhuuf"! jechuudhaan aariidhaan deebiseef.

Akkuma hawwii isaa kana irraa hubannutti gootni kun nama quuqamni sabummaa guyyaa keessa itti dhagahame osoo hin taane, nama umrii ijoollummaa isaa irraa kaasee Biyyaa fi saba isaatiif yaadaa ture  ta'uu isaa ragaan itti bahee jira. kaayyoo fi hawwii ofii kana galmaan gahuudhaaf jecha barnoota  isaa kutaa 10ffaa bara 2005 A. L. Htti akkuma xumureen leenjii poolisummaa leenji'uun, isaas dandeetti adda ta'een xumuruun gara hojiitti galee humna nageenyaa poolisii Oromiyaa keessatti ramadamuun godinaalee Oromiyaa heddu keessa socho'uun lammiilee isaa hedduu lubbuu baraaraa akka ture namoonni hedduu ni galateeffatu.

Dhuma irratti FXG/Fincila xumura gabrummaa,  Sabni Oromoo guutuu Oromiyaatti taasisee irraatti kabajaa fi jaalala saba ofiitiif qabu agarsiisuuf jecha osoo ani jiru saba kiyya na duratti Lukkeeleen woyyaanee Agaaziin lubbuu isaanii hin baastu jechuun qawwee isaa diinatti garagalchuun agaazii shanii hanga jahaa walirraatti akaayuun akkasumas kanaa olis fixuun akka danda'amu poolisoota fi humna waraanaa lammummaan Oromoo ta'aniif karaa saaqee fakkeenya ta'uun, lubbuu isaa qaalii/deebii hin qabne kennuun Godina Arsii lixaa magaalaa Ajjeetti Gurraandhala 07/06/2008A. L. Htti Oromoof woreegame!

Goota bara baraan seenaan yaadatu!
Suuraan asii-gadiitti argitan: kan Gooticchaa Musxafaa Huseen, haadha manaa isaa fi daa'ima isaa kan dhiheennya dhalatte!

No comments:

Post a Comment