Saturday 14 January 2017

Seenaa gabaaba biyya xoophiyaa fi oromoo

#DINNEE#..DIDAA !ViV  #Barisoo waabee iraayii.
Qabsoo bilisummaa Oromoo fuulli dhugaa gabrummaa diddaa ummata Oromoo yoo tahu ,fuulli dhoksaa daba fi dadhabsiisa humnoota farra qabsoo Oromoo keessatti ergaa alagaa geggeessaa turanii /geggeessaa jiranii akka tahe ….gaafii bira dabree dhalootni Qubee Warraaqsa Xumura Gabrummaa..( Dinnee Didaa ) itti fufee ..ittis fufaa jira !
Walumaa gala seenaan Impaayira Itoophiyaa jedhamu Yikonoo Amlaak 1270 irraa eegalee waggoota 745 dabraniif seenaa Mootummaa utuun tahin seenaa bulchinsa shiftaa amantaan gurmaayee ..gabroomfattoota adduniyaan gargaaramaa turee yoo tahu  ,kan  ummata Oromoo ammoo seenaa diddaa ti !.
Shiftaaleen seenaa bulchiinsa Itoophiyaa keessatti beekkamanii Mootii Moototaa uf moggaasan heedduu kan  haati yookaan niitiin Oromoo hin tahin ..Oromootti heerumsiisuun yookaan Oromoo irraa fuudhuun ..yookaan aangoo bulchiinsa isaanii keessatti sadarkaa siyaasaa fi amantii guddaatti Oromoo muuduu dhaan ..diddaa  ummata Oromoo tooyachuu kan yaalin hin jiran  , Axee  Libna Dingle 1507 haati Shamsiyaa Muhamed ,boodatti ( Giiftii Heleenaa ) jedhamte irraa hamma Axee  Teedoroo 1869  intala Oromoo   Mintiwwaab Alii  .. Minilik  intala Oromoo Xaayituu Bixuul …Haylasillaaseen Menan  intal Oromoo akaakoo Imaam Mohammed Ali (Negus Mikael ) Qondaalotini Oromootaa bara Dargii Wayyaanee ..hedduu Tigree fi Eritriyaa fuudhuun diddaa  gabrummaa ummata Oromoo dhaabuu tasuma hin dandeenye .
Waan ajabaa garuu diddaan Oromootaa waggoota dhibba dheeraa kana deeme , amantii ..maqaa ..afaanii fi fuudhaa heerumaan jijjiiramuu didee sadarkaa jalaa gubba hawaasaatti wal-simatee itti fufe ,gonkuma gita bittoota Shiftaa Itoophiyaaf  rafanii  raffisaniillee hin turre ,kanaafuu yaroo hedduu rakkoo Impaayira Itoophiyaa duubaan Oromootu jiraa himatu hamatus ,fakkeenyaa ajjeefama Axee Teedroos (  Magdalaa  1868  ) harka Oromoota Walloo Waaqshuum Gobazee yoo jiraatu ,waliigaltee karaa Jabuutii Finfinnee 1894-1917 gufachiisuu irratti harki dheeraan  Imaam  Muhamed Ali ( Negus Mikael Walloo) akka ture ..biras dabree dhibee Minilik itti du’e duubaan harki Xaayituu Bixuul …jiraachuu fi Confedereeshiin Oromoota dhihaa 1932 bilisummaa Oromoo labsee UN beeksise ,Sulxaan Abbaan Jifaar diddaa seena qabeessa duubaan yoo jiraatu ..ariisaa Xaliyaaniin 1935  Haylasillaasee biyyaa baasee waggoota 5 Itoophiyaa bulche duubaanis harka Oromootu jira jedhu .. gadoo kanaaf Oromoon farra isaanii taheef  eega Haylasillaaseen gale “  Harki Jaanxilaa baree ! Miilli Caammaa si baree ! Haylasillaaseen  galee ! maal taata Gaallaa Saree !!! “ jechuun dhiichisaa turan .
Iccitiin guddaan  bulchiinsa Impaayira Habashaa jedhamuu keessatti bulchiinsi Itoophiyaa ittiin bulu kan sanyii irratti hundaaye tahee ( Kibra Nagast fii Fitha Nagast )  keessatti akka barreeffametti  Itoophiyaa bulchuu kan danda’u nama dhalootaan fiixaa Suleeymaan ( Salamoon ) tahee , ilma Bilqiis ( Giiftii Saa’baa ) dhaloota dura bara 932 gara biyya Israael yaroo  deemtee Suleeymaan ( Salamoon ) irraa dhaltee Minilik jedhame irraa dhalate  tahuu qaba jedha  ..Salamoom ( Suleeymaan ) tasumaa akka ilmoo hin argatin ragaan seenaa akka jirutti tahee ,seenaan sobaa kuni bulchiinsa Itoophiyaa kan  Tigree fi Amaaraa  kenname ..kabajaan isaanii kan tuqamne ..mootummaan isaanii kan fudhatamne ( Suyyuuma Egzaabiher )  tahuu hima  …sanyiin Amaaraaf Tigree hin tahin hundi sanyii qulqulluu akka hin tahiniif irraa fuudhuun ..itti heerumsiisuu .. mootii biyyaa tahuun keessattuu yoo Islaama tahe  akka badii  taheetti  .. yoo barsiisu ,sababiin guddaan Oromootni dhihaa Orthodox Church itti  lagatan fi kan Oromoon bahaa Islaamummaa irratti cichaniif  didaniif ..diddaa roorroo kanaa irraa  akka tahe Gadaa Melbaa dhaloota Oromoof galmeessee jira
Diddaa Oromootaa falli kana jechuun tarkaanfiin Haylasillaaseen 1957 fudhate seera Impaayirichaa jijjiiruun Paarlaamaa biyyattii keessatti Islaamni  akka filamuu dha ..Biiroon Ministeerummaalleen akka itti kennamu dha  ,jijjiramni  kun seera ( Nagda Yihuudaa )  Kibra Nagastiin cabsuu dhaa dursee kan morme Patriyaarkii(  Phaaphaas  )  Masrii Alexsaanadariyaan wal duraa duubaan  ergitee ,wagaa 1500 caalaa dhimma Itoophiyaa murteessaa turan yoo tahu,Haylasillaaseen Phaaphaasa kana  dafee jijjiiree  Patriarch ( Phaaphaas ) Habashaan bakka buusuu caalaa, abbootiin  aadaa fi amantii Oromootaa keessattuu baha Oromiyaa akka Dirree Sheek Huseen ,Abaadir fi Ayyoo Moominaa Suufii Umar Weebilee bulchan,  waggaa waggaan Birriin Itoophiyaa 1000  Mootichaa itti arjoomee  Galmi isaaniillee kabajamaa ( Gadaam )  tahuun  murtaaye ..tahullee garuu Qeesoleen hedduun Gadaama biyyattii keessa jiran tarkaanfiin kun faalla seera keennaa waan taheef dhaabchuu qabaa mormuu caalaa humnoota tarkaanfiin kun itti hin tolin keessaan fiqilli Mootummaa Haylasillaasee garagalchuu Generaal Amaaraa Magistuu Newaay 1960 godhame duubaan hiriiranii turan , Mangistuu Newaay  Kaabineen Ministeroota Haylasillaasee hunda walitti qabee yoo fixu  ..tumsa  Oromootaa akka argatuuf  gaafatamni guutuun humna waraanaa Itoophiyaa  Generaala Oromoo Generaal Muugeetaa  Bulii tti   kennamee, innis namoota ajjeefamuuf walitti funaanaman keessaa haadha manaa  ( Manan)  fi  joollee Haylasillaasee fi namoota Oromoo galama Masaraa Mootummaa keessatti hidhaman hundumaa baasee dhoksee  …Haylasillaasee yaroo san booqannaa hujiif biyya alaa  ( Braaziil ) jiruun walii bilbilan .
Gaafiin duraa Haylasillaasee “ Yaa Generaal Bulii !  finqila Jeneraal Magistuu Newaay …Oromoon keessa jiraa ? “ kan jedhu yoo tahu ,deebisaan Generaal Bulii  “ lakkii  Oromoon waliin hin jiruu..” dha  tahee ..eega Oromoon keessa hin jirre anis dhufaan jiraa iiti himee ..Operation Room Embasii biiya guddaa tokko  keessatti godhameen finqilli Magistuu Nawaay fashalee
Dinnee Didaan ! Itoophiyaa keessaa dhuunfachuun dadhabame gurguddoon diddaa Oromootaa fi Eritriyaa waan taheef ..diddaa Eritriyaa qacalee 1962 waan eegalteef obsanii  tan Oromootaa dhaamsuuf Generaalota Oromoo ( General Kabbadaa Yaaquub ,Generaal Geetaachew Dastaa ,Generaal Jaagamaa Keelloo,Generaal Waldasillaasee Barakaa …) hujiin manaa guddaan itti kennuun  ,baha Oromiyaa ( Baale Arsii Harar ) gubuu…yookaan lola deemu ( Diddaa ) dhaamsuuf bobbaasanii …jijjiirama Mootummaa Somaaliyaa keessatti 1969 tahe waliin meeshaan lolaa ..Jaarraa Abbaa Gadaa faan qabatanii Oromiyaan seenuuf bahan harka Somaaliyaa galuun ..Jaarraan faan hidhamuun tarsimoo waraanaa jallisee ..marii dhoksaa Generaalota Oromoo keessattuu Generaal Jaagamaa Keelloo waliin taasifameen Generaal Waaqoo Guutuu faan ..1970 yaroof lola dhaaban .

Kanaan boodaa tarsimoon Mootummaa Haylasilaasee ,diddaa Oromootaaf Eritryaa cabsuuf dhaaba dhaaba keessatti jaaruutti amananii irratti hojjachuu eegalan ..Addi Bilisummaa Eritriyaa kan ..Osmaan Saaleh Sabbii faan hoggantu amantaa Islaamaa waan hordofuuf ..garee Kiristaanaa itti dabalamee keessaan isaan dhayu ..suuta suutaanis isaan diigu erguuf qophiin xumuramee ..akka isaan wal hin shakkineef gareen Esayyaas Afawarqii 1966  Kuusaa ( Magaazina ) meeshaa waraanaa loltoota Itoophiyaa Asmaraa keessa jiru cabsanii hidhanoo gayaan …akka baafatan ..warri keellaa eegus itti himamee “ jarrii teennaa dabarsaa ! “ jedhamanii Adda Bilisummaa Ertraatti yoo dablaman ..ergaa diinaa ( Mootummaa Haylasillaasee ) didanii  ..1975 hoggantoota Adda Bilisummaa Ertraa duraa rukutuun 1977 dhaaba dadhabee ture karaa qabsoo bilisummaatti deebisuun ..tumsa ollaa Adda Bilisummaa Umata Tigraay leenjisuun Ertriyaan waggaa 30ti ..Tigreen waggaa 17ti kuun bilisoomee kuunis Itoophiyaa qabate .
Ergaan alagaa qabsoo Oromoo keessatti dursee kan eegale ,ciniinsuu dhaloota Adda Bilisummaa Oromoo1973  waliin yoo tahu ..wal gayii mana Baaroo Tumsaa fi Hooteela Waabee Shabellee keessatti godhameen .maqaa Itoophiyaatiin qabsooynaa fi kan Oromootiin ..hidhannoon qabsooyna garee jedhu fi ..hidhannoo hin barbaachisuu mormiin wal dhabbiin xumuramee ..mana Oromoo tokko ( A.B.O ) gareen hidhannoo fi gareen farra hidhannoo utuu wal beekuu wal cinaa hojjachuu eegale.. .
Tookummaa fi nagaya Itoophiyaa eeguuf A.B.O keessaan hojjannaan garee kanaa baroota 17 Dargiin Itoophiyaa bulche ..bahaa dhihatti dhaaba qoodee qancarsuu caalaa …Dargima keessaayyuu hojjataa warreen itti hiriiruu yaalan ..akka Lammaa Guutamaa ..Shaambal Takkaa Tulluu ..Generaal Gabra Kiristoos Bulii fageessuu caalaa ..Addi Bilisummaa Oromoo namoota muraasa ( Leencoo Lataa ..Galaasaa Dilboo ..Diimaa Nagoo ..Abbaa Caalaa Lataa ,Taaddasaa Ebbaa ,Abbiyyuu Galataa ..Dawuud Ibsaa ,Dhukaasaa Bakakkoo  …) harkaa akka hin baane..irratti hojjataa turan ..hojjataas jiran .
Maal hojjataa turan …maal hojjataa jiru maaliif hoo ? ..itti fufa Bariisoo waabee irraa

No comments:

Post a Comment