Sunday 1 January 2017

Ijaaf gurri ummataa yoomis hin cufatu!!!!

Saamichaa fi ajjeechaan ummata oromootiif waan haarawaa miti.

=====================

Hardhaa mitii bara mootummaa Haylasiillaseetu sagalee ummata oromoo diinni ukkaamsu hin dandeenne.seenaa media oromoo baroota 60 moota keessa asuma biyya Misraa magaalaa kaayirotti qabsaa'onni oromoo gadaa san biyya kana keessa turan kanneen akka Dr sheek Mohammed Rashaad Abdullee fa'a Mootummaa bara san biyya tana bulchaatin ture Jamaal Abdul-Naasir irraa eeyyama argachuudhan afaan oromootiin rakkoo saba keenna irra gayaatin turte balballoomsuuf woytii hojii eegalanitti, mootummaan gabroomfataan jela seenudhaan gadaa sanitti worroota biyya tanarratti angoo qabaniif erga gubboo dhayaniifin booda,sagantaan sun akka cufamu taasifame.galata saniif magaalaa finfinneetti Jaanhoy Daandii finfinneen keessa jiru tokko kan maqaa "charchar godaana" jedhamuun akka moggafamus taasifameef.Gochi diinummaa kuni kanaan qofa hin dhaabbanne,Raadiyoo afaan oromootin Somaaliyaa moqaadishoo irraa sabboontonni ilmaan sabaa kanneen akka Gaazexeessaa Ayuub Abbubakar,Shantam Shubbisaa,Yuunis Abdullah fi waahillan isaani sirbaa sagantaalee afaan oromootiin dabarsaatin turan mootummaa haylasillaasee dhugaan ummata oromoo ifatti baatee muldhachaa dhufuun hirriba isa waan dhooggiteef,tooftaalee gara garaa fayyadamuudhan Gaazexeessitoota ajjeesuudhaan fuggisoo tamsaasa saniitiif raadiyoo afaan oromoo harar irraa darbu hundeessudhaan sagantaan suni akka laamshoftu shira danuu dalagaatiin turani.haa ta'uu garuu carraaqqii qabsaa'otaa fi sabboontota ilmaan sabaatiin afaan saba keennaa akka diinni yaade sanitti awwalamee hin hafne hardha gayeetiin dhaloota qubeetiin irra-aanee afaan barnoota fi afaan media guddaa ta'eera.
Yoomillee taanaan diinni keenna nuuf hirriba rafeetiin hin bulu guyyaaraa tooftaa jijjiraa shira gita hin qabne nutti malaatiin bula.akkuma ummanni oromoo kitilaayyoon quba qabu diinni saba oromoo kan dhufee darbu cuftinuu hiree argate cufattu dhimma bahuudhan daandiilee ittiin waanjoo gabrummaa nurratti fe'eetiin bultii ittiin baafatu malachuu hin dhiisu.Afaan oromootiin saba himaaleen harka mootummaa jiran kan tamsaasani dantaa fi olola gabroomfataa saniiti malee,kan ummata oromoo fayyadu hin turre. Erga media'n ummata oromoo guddichi kan rakkoo saba baldhaa irra gahaatiin turtee fi jirtu gurra addunyaatiin gayee dararaa saba oromoo diinonni keenna nurratti raaw'ataa jiru ummattoota addunyaatiif ibsee,diinummaa abbootii irree ifatti saaxile kana mootummaan gabroomfataan amma biyyaa bulchaatiin jiru media kana balleessuuf gaarri isaan hin korree fi dhagaan jarri hin buqqifne hin jiru.marroo 15 oli doolara miliyoona danuu itti dhangalaasaniitiin ugguruuf dhama'aatiin turaniiru garuu itti milkaayuu hin dandeenne dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbatti akkuma jedhamu.
Ololli miidiyaa kana balleessuuf erga gaafa inni dhalate kaasaaniitiin irratti oofamaatiin turee fi jiru kan salphatti ilaallamuu miti.
Gochi saamichaa guyyaa hardhaa Studio OMN-Cairo tti raawwatames qaamuma shira kanaati.ammaaf gochi kuni ifatti eenyuun akka raaw'atame beekkamuu baatullee,qabeenya saba baldhaa biyya heeraa fi seera mataa ofiitiin bultu keessatti waajjira humnaan cabsaniitiin leecalloo ummataa saamuun hedduu kan nama gaddisiisuudha.

Hiyyeessa garaa murate bishaan raafutu gabbisa jedhe oromoon kiyya.gaafa dhalanne duune waan ta'eef ilmaan sabaa qaaliin bilisummaa saba isaanitiif kumaatamni dhumaniiru.nutis saba keennaaf woreega kamiinu ni kafalna! Via usmaan Bayu

No comments:

Post a Comment