Thursday 22 December 2016

Akkasitti hubatamuu qaba waa'en oromoo fi rogeeyyii(activist) oromoo.

AKKASITTI HUBATAMUU QABA!
Oromoo tahee kan ABO hin jaalanne hin jiru. Yoo ergamtuu diinaa tahe malee. Kan ABO irraa yaaddoo qabu diina malee actiivistoota Oromoo dhala dhaaba kanaa tahan miti. Akka aadaa Gadaa Oromootti ilmi abbaa ofiitti, abbaan ilma ofiitti waan diina tahanuuf hin qabani. Falmaa maqaa ABOtiin bara kurnee afur dura eegaleef qabsoon kun sadarkaa kana gahe. Kun Qeerroo Oromoo qabsoo irra jiru hunda biratti amanamaa dha.
Haa tahu malee ABOn kaleessa dukkana gurraacha keessa dungoo dammaqiinsaa qabsiisee saba kanatti daandii garsiise sun har'a rakkoo guddoo keessa jira. Rakkoo kana kan uume ammoo hogganootuma kaleessa wareegama qaalii baasaa turanii dha. Galataa fi ulfina saba isaanii biraa qaban galgala keessa of jalaa balleessaa jiru. Kaleessa ABOn mallattoo tokkummaa Oromoo ture, har'a mallattoo gargar diigamaa tahee jira. Kaleessa ABOn mallattoo dhugaa fi haqaa ture, har'a garuu fakkenya kijibaa fi sossobbii tahee jira. ABOn kaleessa irree jabaa diinni fuulleetti of irraa sodaatu ture, har'a garuu meeshaa diinni yeroo qabsoo ummataatiin muddame maqaa isaatti fayyadamee Oromoo ajjeesuu fi jimlaan hidhu qofa tahe.
Hogganoonni ABOota har'aa rabbii keessan sodaadhaa, seenaa keessan hin balleessinaa. Dhugaa olitti kaafne kana garaan keessan tolchee beeka. Ilmaan keessan irraa sodaa qabdan of keessaa balleessaa. Ummata Oromoo ifatti baasuuf wareegama kaleessa baasaa baatan san har'a dantaa aangoo hin jirreef jecha dhoqqeetti of jalaa hin laaqinaa. Kaleessa mallattoo tokkummaa taatanii saba wal barsiiftan kana deebiftanii dantaa matayyaa keessaniif jecha hin qoqqoodinaa. Yeroo isin walii galuu fi waliin hojjechuu dadhabdanii dhaaba tokkicha kabajamaa fi jaalatamaa san bakka meeqatti gargar facaaftanu, ummanni Oromoo ammoo isinumaan ija banatee garuu isin dura fagaatee deemee jira. Waaqayyoof haa galatu malee, osoo ummanni keenya sadarkaa sabboonummaa amanasiisaa kana irra gahuu baatee fakkeenyummaa keessan har'aa kana dunuunfateetuma hordofee, Oromiyaan Soomaaliyaa taati ture. 
'Abaluu kaleessa na waliin ture irra anatu jabaa dha, anatu qabsicha harkaa qaba...' jechuun tapha daa'imummaatti gad deebitanii ummata keessan hin afaanfajjeessinaa, ofis hin madaalchisinaa. Qabsicha kan harkaa qabuu fi itti du'aa jiru saba galata keessaniin kaleessa dammaqee of baree falmataa jiru malee isin kan ala taa'uu mitiitii, dhugaa kana haaltanii daranuu taajjabbii hin horatinaa. Ummata isin gatee of dura deemee fagaatee jiru dhaqqabuu yoo barbaaddan ilmaan ofumaa guddiftanitti deebitanii hin hinaafinaa. Amalli abbaan aangoof jedhee ilmatti hinaafu yookiis ilmi abbaatti hinaafu amala sirnoota gonfoo (monarchy) malee keenyaa miti. Akkasitti hubatamuu qaba!. Yaya Bashir irraa

No comments:

Post a Comment