Friday 23 December 2016

Akkanatti sirreeffamu qaba jedhan warri mana hidhaa xollaayi bayan.

... Irra Deebi'ama!

Eega isaan maaster pilaaniit deebi'an,
Tooftaan nu nyaachuuf ammas ka'an,

Nuti hoo maaf teenya harka marannee,
Amma ol kaana eeboo fiinxa qarannee,

Wayyaanoonni hattuun nu hin gurgurtu,
Qawwee mit waan fedheen nun uggurtu,

Osoo Finfinnee ciranii akkamiin ta'ama,
Isaantu kaase warraaqsi irra deebi'ama.

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Mudde, 2016

Gabrummaan dheeratte qabsoo ummata ni facaafti laata???

RAKKOO HOOGGANTOOTAA MAALTU FIDA?
FURMAANNI UMMATARRAA EEGGAMUHOO MAALI??
~~~~~~~~~~~~~~~~
Rakkinna gidduu hooggantootaatti kan fidu ilaalcha gabrummaan turte guyyaa keessa hooggansatti fidduudha.
Gabrummaan  argamuudhaaf waa lamatu argamuu qaba.
Qaamonni lamaan gabrummaan irraa argamu kunniinis :-
1)Qaama gabroomsaa (qaama gabroomfataa)
2)Qaama gabroomfamaa (qaama gabroomee) ta'a.
Qaamni mirga uumaan namaa laates ta'ee mirga namoonni wolii galanii labsatanis sarbee ykn mulqee roorroo mirga namaa keessaan faaydaa jireenyasaa guuttachuurratti bobba'e qaama "Gabroomfataa "yommuu jedhamu,
Qaamni mirga uumaan isaaf laates ta'ee kan namootaan woliif galee tumate akkasumas fedhii mataasaarraa lugaamamee jiruu keessi isaa hin feenetti humnaan maxaqee jiraatu ammoo qaama "Gabroome"ta'a.
Gabroomfataan namoota hedduu wolitti dhufee garee tokko ta'uudhaan garee isa biroodhaa gabroomfatuurratti wolii galee gabroomfatu akkuma ta'etti,
Nama dhuunfaadhaa akka nama tokkootti nama biroo gabroomfatus ta'uu danda'a.
Qaamni gabroomes faallaa isa kanaati jechuudha.
~~Mee miidhaa (dhiibbaa) gabrummaan
akka hedduu turtuun namoota gabrummaa falmatan irratti fidduufi keessumattuu hoogganoota qaamota gabrummaa falmatanii irraan gahuu dandeessu haa ilaallu.
-----------------------------------
Dhalli namaa kamuu gabroomee ykn isa jala aanfamu ta'ee jiraachuu akka hin jaalanne beekkamaadha.
Hawaasni gabroome tokko gaafa sababa gabroomuu isaatiin akka miidhame arge irraa kaasee dhoksees ta'ee ifa baasee gabrummaa san falmachuu ni eegala.
Ummata gabrummaa jibbe keessaallee kan murannoodhaan lafaa ka'ee gabroomfataa dura dhaabbachuudhaan gabrummaa falmatu hundaa miti.
Namootuma muraasatu dura ka'ee gabrummaa falmachuu eegala.
Namoonni muraasni kunniinis tarsiimoodhaan gabroomfataa cabsanii irra aanuudhaaf nama isaaniin deemu (Hoogganaa)  uf keessaa filatu.
Hoogganni isaan uf keessaa filatan kunis jalqabarratti hawwii bilisummaa innumtuu ummatasaa wojjiin ittiin lafaa ka'e wojjiin amanamaafi murataa ta'ee jaalala miseensaafi ummataas bifa horatuun hojjachuu ykn qabsaayuu mala. Akkuma gabrummaan irra turaa deemtuufi qabsoon dheerattee isa hifachiisaa deemtuun garuu yeroo hedduu amalli hooggansaa jijjiiramaa yeroo deemutu muldhata.
Hogganni gabrummaan irra turtee bu'aa bayiin qabsoodhaa hifachiiste hedduunis hooggansa qaama gabroomee ykn qaama jala aanfamee ta'uu jibbee hooggansa qaama gabroomfataadhaa ykn qaama irra aanfamee ta'uu hawwuu eegala.
Mataa ufiis ta'ee ummatasaa bilisoomsee gabrummaa dhabamsiisuu kaayyeffatee lafaa ka'e dagachuu eegala.
Gabroomfataa ufirraa kuffisee mataa ufii fi ummatasaa bilisoomsee qaama biroo ykn qaama isa gabroomsuu ture irra aanee gabroomfachuudhaaf hawwuu eegala.
Hoogganni kun akka hawwii isaatti gabroomfataa ufirraa buusee irra aanee gabroomfachuun daddaffii inni barbaadutti isaaf mijjaawuu akkuma dadhabuun yaada haaraa isaa kana namootuma isa jala jiran irratti muldhisuu jalqaba.
Dura qondaalotuma isa jala jiran irratti amala gabroomfataadhaa muldhisuu jalqaba.
Miseensotattis bifuma kana garsiisuu eegala.
Yeroo kana jidduu Hoogganaa, qondaalotaa fi miseensotaatti wontoonni qabsoo gufachiisanii fuula duratti deemuu sakaalan hedduun dhalachuun dhufti.
Jaalalatu jidduu isaaniitii dhabama.
Wol amantiitu bada.
Iftoomina dhabamuu eegala.
Wolirratti ololuufi wol mormiitu heddumminaan muldhachuu jalqaba.
Dabarsanii diinaaf wol laachuufi sadarkaa lubbuu wolii harka diinaatiin balleessuufi kaayyoo ganamaa gufachiisuurra gahu.
Yeroo kana Qondaalonni hoogganticha jala turan fottoqanii bahuutu dhufa.
Qaamni fottoqee hoogganticharraa bahes Dhaaba biroo uummatee miseensotaaf ummata qoqqooddachuudhaaf jecha diina irraanfatee ijaarsa hooggana irraa fottoqee wojjiin olola wolirratti oofuu akkuma eegalaa deemuun ajiitii keessa gamaaf gamanaallee fofottoquufi humana guddaa iddoo tokko ture bittanneessuudhaan gabroomfataa irratti jalaqaba lafaa ka'aniif umrii dheertuu kennuun dirqama taati jechuudha.
Ummanni (Hawaasni )baldhaan gabrummaa keessa jiru ammoo gad aantummaa gabrummaadhaa keessaa bahuudhaaf qaamota (hooggantoota) dhaabaa isaaniif falmachaa turan summiin akkanaa akka seente erga hubataniin booda ijjannoon isaan baasu tokko qofatu jira.
Qaamota (Hooggantoota) sababa garagaraatiin adda fofottoqanii faffaca'an kana wojjiin ummanni (hawaasni )faffaca'uun bu'aa tokkollee ummatichaaf akka hin qabne beekuu qabu.
Ijaarsa faffacaatuu Hooggana summiin seentee wojjiin faffaca'uurraa uf qusatee hawaasni humna oowwaa summii tanaan hin faalamin uf keessaa baafachuudhaan jala hiriiree falmachuu qofatu hawaasicha gabrummaa jibbe jalaa baasee bilisoomsuu danda'a.
            Kamaal Aloo Gr irraa

Free political prisoners

#OromoRevolution
Odeeffannoo Amboo irraa dhufte
********************************
"Jimaata har’aa, guyyaa 4ffaa , yeroo ammaa kana Ambotti barattoonni mormii irra jiru.
1. Mana barumsaa sad 2 ffaa Liibaan Maccaa
2. Mana barumsaa Carii
3. Mana barumsaa kisoosee oddoo liibaan
4. Mana barumsaa manfasa guba’ee (ijoolee umuurii waggaa 5-12 ta’ani)
Maneen barnootaa hunduu yeroo amma kana nutii weaayyanee hin barbaannu, Dr. Mararaan haa hikaamu, Komaandi postiin biyya keenyaa haa baduu kkk jechaa jiru. Agaaziin achiif as kaachaa jiru. Ijoolleen garuu sodachaaa hin jiranii."
===========================

The #OromoProtests has continued for the fourth day today Friday, Dec23, 2016 in Ambo according to the reports. The main demands of the protesters are:
1. Free Dr Merera and all the political prisoners
2. Withdrawal of the state of emergency 
3. End to military rule (martial rules) of command post
4. Independent investigation of the victims of the #Oromoprotests
5. No to TPL F hegemony
It's to be noted that October 8, 2016 the government of #Ethiopia declared a state of emergency.

Thursday 22 December 2016

Akkasitti hubatamuu qaba waa'en oromoo fi rogeeyyii(activist) oromoo.

AKKASITTI HUBATAMUU QABA!
Oromoo tahee kan ABO hin jaalanne hin jiru. Yoo ergamtuu diinaa tahe malee. Kan ABO irraa yaaddoo qabu diina malee actiivistoota Oromoo dhala dhaaba kanaa tahan miti. Akka aadaa Gadaa Oromootti ilmi abbaa ofiitti, abbaan ilma ofiitti waan diina tahanuuf hin qabani. Falmaa maqaa ABOtiin bara kurnee afur dura eegaleef qabsoon kun sadarkaa kana gahe. Kun Qeerroo Oromoo qabsoo irra jiru hunda biratti amanamaa dha.
Haa tahu malee ABOn kaleessa dukkana gurraacha keessa dungoo dammaqiinsaa qabsiisee saba kanatti daandii garsiise sun har'a rakkoo guddoo keessa jira. Rakkoo kana kan uume ammoo hogganootuma kaleessa wareegama qaalii baasaa turanii dha. Galataa fi ulfina saba isaanii biraa qaban galgala keessa of jalaa balleessaa jiru. Kaleessa ABOn mallattoo tokkummaa Oromoo ture, har'a mallattoo gargar diigamaa tahee jira. Kaleessa ABOn mallattoo dhugaa fi haqaa ture, har'a garuu fakkenya kijibaa fi sossobbii tahee jira. ABOn kaleessa irree jabaa diinni fuulleetti of irraa sodaatu ture, har'a garuu meeshaa diinni yeroo qabsoo ummataatiin muddame maqaa isaatti fayyadamee Oromoo ajjeesuu fi jimlaan hidhu qofa tahe.
Hogganoonni ABOota har'aa rabbii keessan sodaadhaa, seenaa keessan hin balleessinaa. Dhugaa olitti kaafne kana garaan keessan tolchee beeka. Ilmaan keessan irraa sodaa qabdan of keessaa balleessaa. Ummata Oromoo ifatti baasuuf wareegama kaleessa baasaa baatan san har'a dantaa aangoo hin jirreef jecha dhoqqeetti of jalaa hin laaqinaa. Kaleessa mallattoo tokkummaa taatanii saba wal barsiiftan kana deebiftanii dantaa matayyaa keessaniif jecha hin qoqqoodinaa. Yeroo isin walii galuu fi waliin hojjechuu dadhabdanii dhaaba tokkicha kabajamaa fi jaalatamaa san bakka meeqatti gargar facaaftanu, ummanni Oromoo ammoo isinumaan ija banatee garuu isin dura fagaatee deemee jira. Waaqayyoof haa galatu malee, osoo ummanni keenya sadarkaa sabboonummaa amanasiisaa kana irra gahuu baatee fakkeenyummaa keessan har'aa kana dunuunfateetuma hordofee, Oromiyaan Soomaaliyaa taati ture. 
'Abaluu kaleessa na waliin ture irra anatu jabaa dha, anatu qabsicha harkaa qaba...' jechuun tapha daa'imummaatti gad deebitanii ummata keessan hin afaanfajjeessinaa, ofis hin madaalchisinaa. Qabsicha kan harkaa qabuu fi itti du'aa jiru saba galata keessaniin kaleessa dammaqee of baree falmataa jiru malee isin kan ala taa'uu mitiitii, dhugaa kana haaltanii daranuu taajjabbii hin horatinaa. Ummata isin gatee of dura deemee fagaatee jiru dhaqqabuu yoo barbaaddan ilmaan ofumaa guddiftanitti deebitanii hin hinaafinaa. Amalli abbaan aangoof jedhee ilmatti hinaafu yookiis ilmi abbaatti hinaafu amala sirnoota gonfoo (monarchy) malee keenyaa miti. Akkasitti hubatamuu qaba!. Yaya Bashir irraa

Buruysoo Boruu eenyuu???

SEENAA #JAAL_BURUUYSOO_BORUU

Seenaa dagannuus seenaan nama hin dagattu,
seenaa qabsaawootaa fi hogganoota bilisummaa Oromoo beekuun nurratti dirqama, keessattuu seenaa akka Jaal #Buruuysoo kanafaa jechuudha.
Hanga maayyitti obsaan dubbisaa #Share waliif godhaa

Fawaz Ahmad Oromiya   tiin

Jaal Buruusoo Boruu eenyu???

Jaal Buruuysoo Boruu ilma Oromoo qabsaawaa hogganaa ABO kan tureedha.
Jaal Buruuyso Boruu maqaa warri baaseef #Abdulmaalik yoo ta'u Abbaa isaa #Umar_Abdushakuur fi Haadha isaa #Raaziyee_Haajii irraa Bara 1957tti baha Oromiyaa Harargee bahaa koonyaa #Gaara_mullata magaalaa #Baddannootti dhalate.
eega yeroo inni dhalatu akkuma aadaa Oromootti,  fira,maatii fi ollaan hundi haa guddatu, guddatees haa beeku,beekees  lammiif kan ta'u haa godhu jedhanii eebbisan, eebbifamees hin hafne, eebbi isaanii milkaawuun innis akkuma guddatee lafaa ka'een lammii boonsuu jalqabe.
#Jaal_Buruuysoo_Boruu dhalatee umriin isaa akka barnootaaf gaheen barnoota isaa mission naannoo sanitti argamutti kutaa 12 barate.
Jaal Buruuysoo Boruu qabsoo diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture irraa qooda fudhachuun nama guca qabsiise ta'uun hanga har'aatti yaadatamaa jira.
Lammiin Oromoo akka mataa ol qabatee eenyummaa isaatiin jiraatuuf namoota wareega qaalii kafaluun faajjii tahanii mataa ol qabachiisan keessan keessatti ramadama.
Gooti kun goota Oromoon hoggayyuu yaadattu goota sabaaf of wareegeedha.
Jaal Buruuysoo Boruu miseensa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) dirree qabsoo fi biyya jidduu nama hojjechaa tureedha.
Jaal Buruuysoo Boruu bara 1978tti dirree qabsoo seenee qabsoo hidhannootti makame, akkuma dirree qabsoo seenee leenjii fudhateen damee siyaasaa jalatti ramadamuun hojii barruu hojjechuu jalqabe.
Bara 1979tti yeroo Korri sabaa ABO taa'amutti koree qindeessituu keessatti ramadamuun barreessaa koree tahee filame, hanga wal gahiin hatattamaa koree jidduu bara 1984tti wal gahiin taa'amutti akka barreessaa fi WBOtti hojjechaa ture, wal gahii bara 1984tti taa'ame irratti Jaal Buruuysoo Boruu miseensa waajjira siyaasaa tahee damee dantaa Siyaasaa irratti hogganummaan filame.
Bara 1989 keessa yeroo korri Sabaa ABO irra deebi'amee taa'amutti Jaal Buruuysoo Boruu adda durummaan koree qindeessituu Kora Sanaa tahuun filame, ammallee irra deebi'uun barreessaa walii galaa kora sanaa tahuun filame.
Kora kana irrattis Jaal Buruuysoo Boruu damee siyaasaa irratti hogganummaan filamee dirqama isaa bahaa ture.
Bara 1990 keessa Jaal Buruuyso Boruu hojii diploomaasiitiif gara Soomaaliyaatti imale, hijii diploomaasii cinatti hojiin boonsaan jaalli kun hojjete keeysaa gurguddoon dhiheessi humna bahaa yeroo gabaabduu keessatti furuu isaatin kan yoomiyyuu yaadatamuudha.
Hanga biyya soomaaliyaa turetti humna ABO yeroo sanitti soomaaliyaa ture karaa taliiga bulchiinsaa,leenjisuu, hidhachiisuu fi bobbaasa qindeessuu irratti qoodni jaalli kuni gumaachaa ture guddaa dha
Jaal Buruuysoo Boruu bara 1991 keessa yeroo mootummaan #Ziyaad_Barree aangoo irra fonqolu waraana, miseensootaa fi deeggartoota ABO kan soomaaliyaa jiranii fi ilmaan Oromoo hunda akkasuma deeggartootaa fi miseensoota IFLO( Kan Jaarraa Abbaa Gadaa) jechuudha kan yeroo sanitti rakkoo ABO fi IFLO jidduu jirtuuf haala lolaa hamaa keessa waliin turan hunda wal dhabbii sanaaf osoo bakka hin kennin Oromummaa dursuudhaan IFLO dabalatee ilmaan Oromoo hundaaf akka karaan toolfamuu fi balaa achitti isaan mudate jalaa akka dandamatan godhuuf murtiin inni fudhate kan sadarkaa bilchina hogganummaa isaa agarsiisuu fi mirkaneessuudha.
Jaal Buruuysoo Boruu bara 1991 baatii caamsaa keessa yeroo Soomaaliyaa dhaqetti wal gahii kora jidduu ABO irraa qooda fudhachuun isaa ni yaadatama.
Wal gahii sanaan booda mootummaan #Dargii kufuuf biiyti waan jeeqamtee jirtuuf, haala jeeqamiinsaa san ilaaluun kufuu/Caphuun mootummaa dargii beekkame, eega yeroo kanatti kufaatii dargii kanaan ABO Oromoo akka biyya dhuunfattuuf hojii dhaaba ABO kan dirree bahaatti hojjatamtu hunda Jaal Buruuysoo Boruu ABO bakka bu'uun gaggeessaa haggana tureedha.
Bara 1991_1992 hanga ABOn mootummaa cehumsaa keessaa bahutti gaafatama waajjiroota ABO bahaa hunda fudhachuun, marii ABO fi TPLF jiddutti deemaa ture hunda ABO bakka bu'uudhaan nama gaggeessaa tureedha.
Yeroo sanitti karaa ajajoota TPLF shira walii galtee yeroo sanii diiguuf mata jabeenya fi moormii goggogduu warri TPLF oofan hunda gootummaan dura dhaabbatee falmaa hadhaawaa gaggeessaa waan tureef bara 1992 keessa humni TPLF Jaal Buruuysoo Boruu wajjiin haasoofnee rakkoo jirtu furra jechuun waajjira ABO magaalaa Harar(Adaree Biyyoo) tti maristee ajjeessuuf karoorfatte, haa tahu garuu iccitiin sun waan jalaa ba'eef ykn jalaa dhaga'ameef  osoo itti hin milkaawin hafuun Jaal Buruuysoo Boruu humna waardiyaa isaa wajji gara magaalaa #Malkaa_Rafuu (Kombolcha) tti jalaa miliqee osoo hin turin gara dirree deebi'e.
Jaal Buruuysoo Boruu hagganummaa isaa cichoomminaan itti fufuun bara 1993 keessa yeroo hayyu dureen ABO yeroo sanii Jaal Galaasaa Dilboo gara biyya alaa yeroo bahu, bakka isaa bu'uudhaan akka hayyu dureetti gaafatamaa dhaabaa walii galaa fudhachuun hojjechaa ture jaal Buruuysoo Boruu.
Bara 1993_1995 jiddutti dura taa'aa walii galaa tahuudhaan taliiga bulchiinsaa gaafatama walii galaa tahuudhaan hogganaa osoo jiruu guyyaa 10/05/1995 tti lolli hamaan mooraa inni jirutti itti tahuun Jaal Buruuysoo Boruu murtii mataa isaa fudhachuun harka diinaa seenee qabamee wareegamuu irra jedhee murtii mataa isaatiin ofii isaatiif boombii lama ofitti dhoosee of wareeguun qabsaawootaa fi ilmaan Oromoo isa booda hafan hundatti kabajaa godhee wareegamee, qabsaawoota, deeggartoota, sabboontootaa fi ilmaan Oromoo hundatti sheenaa bara baraa tahee hafe.
Jaal Buruuysoo Boruu yeroo lubbuun jirutti miseensoota WBO,hogganoota fi deeggartoota dhaabaa akkasuma ummata Oromoo biratti nama kabajamaa fi Jaalatama ture.
Jaal Buruuysoo Boruu nama sirna,heeraa fi seera dhaabaa kabajee kabachiisuu irratti fakkii gaarii tahee hojjechuudhaan beekkama.
Jaal Buruuysoon miseensoota WBO biratti akka hogganaa qofa osoo hin tahin akka Barsiisaa,Abbaa fi obboleeyyaniitti ilaalama ture, walumaa galatti yeroo hunda ganamaa fi galgala, yeroo deemu, yeroo taa'uu fi dhaabbatu hunda Furmaataa fi bilisummaa Dubbachaa, yaadaa, akkasuma nama hojjechaa ture tahuu isaa seenaan isaa ni dubbatti.

WAA'EE JAAL BURUUYSOO ILAALCHISEE JAALLAN LUBBUUN JIRAN KAN ISAA WAJJI TURAN KEESSAA HAMMA TOKKO YAADA ISAANII KANA DUBBISAA.

#Jaal_Urjii_Dhaabaa akkana jetti,
Bara 1995 keessa Jaal Urjii Dhaabaa yeroo saniif miilaa dhawamtee madoo taatee mooraa Jaal Atoomsaa turte, xalayaan hatattamaa itti dhufuun gara Jaal Buruuysoo akka deemtu murtaawe  yeroo kanatti jaallan isii wajji jiran Gaangee irra miila ishee diriirsuun kaayanii, yeroo Gaangee dadhabdetti qonyee irratti ba'atanii Jaal Buruuyso biraan gahan, akkuma achi dheeyxee toorbaan gaheen lolli hamaan mooraa Jaal Buruuyso keessa jiru kanatti itti tahee Jaal Buruuuysoo Boruu ishee biratti wareegame, haala inni itti wareegame yeroo ibsitu.
Seenaa qabsoo keessatti takka lolli hamaan akkasii isaan qunnamee hin beeku, akkasuma namni hanga Jaal Buruuysoo Boruu lolee lochiise wareegamee beeku akka hin jirretti ibsiti.
Jaal Buruuysoo Boruu Jaakkeeta ofirraa baasee T-Shirt Adii Alaabaa qabuun haa mul'attu jedhee lolaa ture, yeroo sanitti humni TPLF qabdu waan guddaa taheef Jaal Buruuysoo boruu akka jalaa miloqee hafuuf jaallan yeroo gaafatan wanni inni deebiseef kan daran gootummaa isaa agarsiisu ture, akkana jechuun deebiseef.
1, Jaallan na dura wareegaman lubbuu 2 wayii qabanii, anis lubbuma akka isaan qabaniitin qaba.
2, Humni Tigree kuni gootummaa nurra qaban moo humna nurra qaban?
Jechuun cichoomminaan lolee lolchiisuu ture.
Jaal Buruuysoo Boruu guyyaa lolli kuni itti ta'etti lafti inni ture gammajjii hamtuu waan taateef buseen nyaattee akka malee dhukkubsachaa osoo jiruu, yeroo lolli itti tahutti mirqaana qabuun hayyoota Tigree lola sana keessa jiran 3 #Abraha #Siyyee..fi kkf gootummaa isaatiin harkaan qaqqabuun Qawwee(Girnoofa) isaanii harkaa fuudhee hunda isaanii walirra kaaye,
Lola kana keessattis Jaal Buruuysoo eega harkaa dhawamellee gootummaan loluun maayyii irratti Tigreen humna dabalataa Helikoptariin akkasuma garaa Burqaatiinis tahee karaa fiilinis ol neeyxee humnaa ol itti tahuun Jaal Buruuysoo Boruu Asrii guyyaa 10/05/1995 tti harka kiyya diinatti hin kennu jechuun boombii ofitti dhoosee of wareeguu isaa qabatamaan waan bira jirtuuf ibsite, Dabalataanis Jaal Urjii Dhaabaa yeroo waa'ee jaal Buruuyso ibsitu Jaal Galaasaa Dilboo yeroo gara biyya alaa deemutti hayyu durummaa isarra kaaye deeme waan taheef akka hayyu duree ABOtti ilaalama jechuun dubbattee jirti.

Gama biraatiin #Jaal_Damissee_Kabbadaa yeroo waa'ee jaal Buruuysoo ibsu.
Jaal Buruuysoon nama waahiloota isaa biratti kabajaa fi jaalala guddaa qabaachuu bira dabree barsiisaa tahuu isaa dubbata.
Jaal Buruuyso biyya ollaatti diploomaasiif ramadamee deemuu yeroo murtaawe hojjechuu isaa erga dubbateen booda, hanga isarraa eeggamee ol Barsiisuu, karaa bahaa fi galaa qopheessuudhaan, hamma ammaatti Jaallawwan isaa kan isa yaadatu tahuus dubbata.
Kanaafis Jaal Buruuyso goota kutataa, goota amanamaa tahuu isaatiin akka beekkamuus dubbatee jira jaal Damisseen.
Jaal Damisseen itti dabaluunis Jaal Buruuyso Boruu dhuma bara 1991 fi jalqaba bara 1992 keessa lola hamaa guyyaa 15 deeme irratti adda durummaan nama gaggeessaa tuhuu isaa dubbatee jira.
Wal gahii araaraa bara 1992 keessa ABO fi TPLF jiddutti taheen Jaal Buruuyso ABO bakka bu'uudhaan waaj dhufeef anilleen guyyaa san isa arguudhaaf carraa argadhe jechuun goolaban jaal Damisseen.

Dabalataanis #Jaal_Aslii_Oromootis akkana jechuun ibsiti waa'ee Jaal Buruuysoo Boruu, Jaal Buruuysoo Boruu haggana cimaa fi dandeeytii qabuudha, bara 1991 keessa Ana fi Jaal Buruuyso akkasuma Jaal Caalaa Leencoo yeroo gara soomaaliyaa deemnutti gaafatamni walii galaa ABO fi IFLO Jaal Buruuysootti kennamuu ibsiti Jaal #Aslii_Oromoo.

Eegaa waa'ee Jaal #Buruuysoo_Boruu barreessanii fixuuf hedduu ulfaata kanaaf seenaa isaa hamma tokko keessaa bifa barruutiin isiniif qopheesse.
Dabalataanis warri seenaa isaa bal'inaan beeytan seenaa goota keenyaa kana hanga irraa hafe itti nuuf guutaan dhaamsa kiyya.
#Share waliif gochuu akka hin daganne.

Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa!!!

Jaal #Buruuyso_Boruu rabbi jannataan haa qananiissu.

Ani kan isiniif qopheesse.

#Fawaz_Ahmad_Oromiya  ti.

Muddee 22, bara 2016.

Horaa bulaa.

#Injifannoo_Ummata_Oromoof

Dhaabbilee siyaasa oromoo hundaaf...

Dhaamsa kana namuu waliin gahaa:-
=============================
Akkuma beekkamu ummanni oromoo yeroo dheeraaf qabsoo diddaa gabrummaa finiinsee lubbuu qaalii bakka hin buufamne kumaatama wareeguun ammaas itti fufee qabsoo finiinsaa jira, haa tahuu jaarmayaalee siyaasaa oromoo warreen biyya ambaa keessa ni jirra ofiin jechaa jiran akka waliigalaatti hamma ammaatti maqaa ykn hujii qeerroo fi saba oromoon of dhaadhessuu,saamicha ykn dorgommii aangoof wal qoodanii gandaan wal hiruun biyya namaa keessatti wal nyaachuu, wal qeequu fi ofumaaf afooshaa uummatanii walitti barooduun ala isaanii qabatamaan humna waraanaa takka  qindeessee, qindeessuu dadhabu immoo ofumaaf tokkoomee tarsimoo qabsoof gumaacha bu’aa qabu kamiihuu taanaan gochaa jiran goonkuma dhalli oromoo oromiyaa keessa jiraatu argaa hin jiru, yeroon hujii nama tokkootiin dhaabni bakka meeqa jiru ofiin faarsu amma hin turre, ummanni oromoo yeroo ammaa dhaaba oromoo kan oromiyaa keessatti qabsoo deemaa jiru kan firii itti godhu dhaaba tokkoome kan dandaa ofii dandaa ummata miliyoona shantamaa hin caalchifnee fi qabatamaan ummata oromoo cinaa dhaabbatee wajjiin qabsaawu barbaada, kanarraa kan hafe ummanni oromoo dhaaba kutaan wal qoodu, kan tokkummaa jibbuu fi kan oduu qofaan biyya alaa taa’ee dhukkubbii sammuu nutti tahaa diinaaf ammoo gaachena tahaa umrii guutuu jiraachuu barbaadu hin fedhu. Kanaaf yoo quuqama lammii qabaattan, yoo lubbuu fi dhiigni dhala oromoo kan dirreerratti badaa jiru kun kan isin mararu taate akkasuma yoo dhugumaan jaarmaya bilisummaa oromoof qabsaawu taatan yeroo fudhachuun osoo hin barbaachifnetti tokko tahaa qabsoo ummataatti makamuun qabsicha firii itti godhaa, ammoo isin tokkummaa diddanii wal nyaachaa ooltaniis ummanni oromoo hammam turuus isinii achittiis falmatee bilisummaa isaa gonfachuun waan hin oolle, gaafa sana immoo isiniifii opdo amma aangoorra jirtu tun nuuf ija mirgaa fi ija bitaatii hubadhaa.
Ummanni oromoo hamma yoom tokko tahaa jedhee isin kadhachaa oola??? Tana deebii warruma jaarmayaa saniif dhiifna.
Yaa soogidda ofii jedhii mi’aayii yokiin immoo dhagaa taatee darbamtaa !!! Quluu qoraasuma irraa

Wednesday 21 December 2016

Ibsa Ejjannoo rogeeyyii(activist) oromoo irraa baye...

Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname

Nu rogeeyyiin Oromoo Muddee 17 fi 18 bara 2016 gumii teenne irratti ciminnaa fi laaffinna Fincila Oromoo (Oromo Protests) fi gahee rogeyyummaa marsaalee interneetii (online activism) madaallee kallattii fuuldura isaalle akeeknee kaaneerra.

Gumiin kun miira jaalalaa fi obbolumamaatiin  kan gaggeeffame yo ta’u, gumii kana irratti adeemsa rogeyyuummaa madaluu, qeequu, of-qeequu fi of-ilaaluun bakka ciminna qabnu jajjabeeffachuu fi bakka laaffinna qabnullee irratti-hojjachuu fi cimsachuudhaaf murteeffanneerra. Marii taasifne cunfinee ibsa qabxii kudhan(12)  qabu kan armaan gadii kana baafneerra:

1. Rogeeyyi Oromoo jiddutti wolitta dhufeenya cimaa ijaaruuf; gumii akkanaa tana yeroo yeroodhaan bifa iiti-fufiinsa qabuun gaggeessuuf; leenjii gara garaatiin of-cimsaa deemuuf wolii gallee murteessinee jirra.

2. Yakka daangaa hin qabne kan sirni abbaa-irree Woyyaaneetiin saba keennaa fi sabaafi sab-lammoota Itiyoophiyaa irratti gaggeffamaa  jiru jabessinee balaaleffataa, yakka kana dhaabsisuuf gama hojii dippiloomaasii, hariiroo saboota Itoophiyaa biroof (solidarity) fi mootummoota biyyoota biraa woliin qabnu cimsuu irratti hojjachuudhaaf akeekkanne jirra.

3. Akkaataan fayyadama midiyaa hawasummaa bifa naamusa, safuu, seeraa fi sirna qabuun akka deemu, marii fi falmiin dhimmoota adda addaa irratti Oromoo kessattis  ta’ee saboota biroo waliin godhamu ijaaraa, kan kabajaa ilma namaa eegee fi furmaata irratti xiyyeffate taasisuuf walii gallee jirra.

4. Dantaan saba Oromoo akka sirritti ibsamuu,  hubatamuu fi tikfamuu qaamoota mirga Oromo kabachiisuuf qabsaa’aa jiran waliin, wal-hubannoon fi kabajuun hojjachuun  barbaachisaa akka ta’e akkasuma qabsoo Oromoof fira guddisuu irratti akka hojjatamu murtii irra  geenyee jirra.

5.  Humni  Oromoo adda faffaca’insaan sochii adda addaa godhaa jiru kun haala qabsoo kanaaf bu’aa buusuu danda’uufi gaaga’ama hin barbaachifne hiri’isuun  walitti qindeessinee walitti dhufnee waliin hojjachuudhaa fi gurmaayina bilchaataa fi tarkaanfataa  murannoo fi saffisa barbaadamuun qabsoo fuulduratti deemsisu ijaaruudhaaf nuti rogeeyyiin Oromoo murteeffannee kaanee jirra.

6. Marii bal’aa godhamee irraa sochii qabsoo Oromoo deemaa jiru kana bakka barbaadamuun gahuuf, ijaarsaa fi tokkummaa sirritti cimee akka itti fufuu fi qamooti ijaramanii jiranis sochii isaan godhaa jiran akka jabaatan tin’isuun barbaachisa akka ta’ee hubannoo irra geenye jirra.

7. Sirna cunqursaa fi hojii isaa beekuun, wal’ansoo  qabsoo deema jiru galmaan gahuuf murtessa dha. Haaluma, kanaan adeemsa, shira, odeeffannoo fi karoora sirnicha  haala dursinee saaxiluu akka nu dandeessisu qorannoo fi qorqortii gadi fagoo godhuudhaan hojii sirna abbaa irree  gufachiisu irratti hojjechuuf nuti rogeeyyiin Oromoo murteeffannee jirra.

8. Tarsiimoo yeroo dheeraa fi gabaabaa qabaachuu fi tooftaalee tarkaanfattuu sirna abbaa-irree mancaasan fi haala adeemsa qabsoo murteessan baafachuudhaan hojiirra oolchuuf wolii galleerra.

9. Warraqsa sabaatiif gurmaayinni, dadammaqinni, fi sochiin warraaqsaa wal-simatee deemuu akka qabu cimsinee hubanna. Bakka kanatti, dadhabinni cimaan akka jiru nuti rogeeyyiin Oromoo gumii Muddee 17-18/2016 taasifne irratti sirnaan xiinxallee jirra. Kanaafis tooftaan/tarsiimoon warraaqsaa yeroo fi haala adda addaatti rogeeyyii Oromootiin qophaayaa akka ummataaf labsamu irratti murannoodhaan hojjachuuf rogeeyyiin Oromoo murteeffannee kaanee jirra.

10. Oromoon Saba tokko. Afaan tokko, aadaa tokko, seenaa tokko, rakkina waloo fi lafa woloo tokko qaba. Diina waloo qaba. Kaayyoo fi dantaa tokko qaba. Nuti rogeeyyiin Oromoo walitti gara gallee gosaan, qubsummaan, amantiin fi ilaalcha siyaasaatiin walirratti duuluu hojii diinaatiin adda baasnee hin ilaallu. Diinas ta’e fira warra saba tokkocha addaan diigee wal-shakkii fi jibbansa jiddutti uumuuf yaalii godhan hunda cimsinee balaaleffanna. Karaa danda’ameenis namoota Oromoo dogoggoranis haa ta’u beekkaan gocha diinaa tumsu hojjatan gorsa firoomaa kennuudhaaf asumaan waadaa galla.

11. Nuti akka rogeeyyii Oromootti jaarmiyaaleen Oromoo akka tokkooman, jabaatan, ititan fi injifatan barbaanna. Jaarmiyaalee siyaasaa qofa osoo hin taane jaarmiyaaleen hawaasummaa fi mirga namoomaa  marti gama dande’ame maraan akka ijaaraman jajjabeessuu fi bira dhaabbachuuf woliif galleerra.

12.  Dhumarratti, sochii rogeeyyii Oromoo kana bifa waalta’e, tooftaa fi tarsiimoo qabu akkasumas marii fi qindoomina qabuun gaggeessuuf, gumiin rogeyyoota Oromoo kan rogeyyoota  digdamii tokko(21) of kessaa qabuu fi koree afur(4) of jalatti qabatu ijaaruuf waliigaltee irra gayamee qaamni bakka bu’ummaan ijaaru bakka-buufamee kora buufannee jirra.

Injifannoon cunqurfamtoota hundaaf!

Gumii Rogeeyyii Oromoo
Muddee 18, 2016
Minneapolis, Minnesota

Masterplan amma baye kan akkamii??

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti.  Maastar Pilaaniin kun  kan amma duraatiin adda moo tokko? Mirga Oromoofi Oromiyaa ni miidhamoo?
1) Maastar Pilaannin kun maqaadhaaf kan duraatiin adda. Kan duraa sun Maastar Pilaanii Qindaawaa  Magaalaa Finfinneeif Magaalota Godina Addaa Oromiyaa  sanitti walitti hammatee qophaaye ture. Akka wayyaaneen jettutti Mastar Pilaaniin qindaawaan sun mormii ummata Oromootin waan fashaleef Magaalaan Finfinnee Maastar Pilaanii haraya kana mataa ishee qofaatti baafattee jirtii.  Kuni garuu dhugaadhaa?
2) Galmeelee Maastar Pilaanii 'haaraa' kanaa waliin walqabatanii dhihaatan muraasa argeen jira. Galmeelee kanarraa akka agarrutti maastar pilaaniin kun kan Finfinnee qofa haa jedhamuu malee iftii kaartaa Maastar Pilaanii kanarra kaayame daangaa baldhina magaalaa Finfinnee kan yeroo ammaa irra hedduu guddaadha. Fakkeenyaaf bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran kanneen akka Galaan, Tulluu Diimtuu, Jamoo fii Samiit jedhaman fudhatee jira.  Kana jechuun kaartaan kun daangaa Finfinnee baldhisuun lafa bulchiinsa Oromiyaa jala jiru as mura. Akkuma dura karoorfame qonnaan bultoonni Oromoo kumaatamaan lafarraa buqqa'uuf deemu jechuudha.
3) Maastar Pilaaniin kun haaraa haa jedhamu malee akkuma isa amma duraa san magaalaan Finfinnee tajaajila bishaanii Oromiyaa keessaa ( Gafarsa, Laga Daadhii, Qaallitti) irraa argatti jedha. Kosii illee Oromiyaa keessaatti akka darbamutti kaaye. Tajaajila kana Finfinneen kaffaltii malee akka argattutti tilmaama warri karoora kana baase kun.
4)  Yoo yaadattan mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdi jedhamee keewwaata 49(5) keessa kaayame san baatii Onkololeessaa darbe kana furmaata itti goona jedhanii waadaa seenanii turan. Onkololeessi dhufee darbe, furmaanni godhame garuu hin jiru. Osoo gaafii guddaa kanaaf furmaata hin kenniin karoora waggoota 25 turu baasuun mirga Oromiyaan qabdu san daranuu duuchuuf akka ta'e akeeka.
5) Maastar Pilaanii kana haaraa fakkeessuuf hedduu carraaqan. Maqaa isaa jijjiran; kan duraa saniif fakkeenyi magaalaa Faransaay tan Lyon jedhamtuu turte, kan haaraa kanaa ammoo tan Korea Soul jedhamtuudha jedhan. Dhugaan jiru garuu Maastar Pilaanii kaleessaa sanis kan ammaatin kan dhiibaa jiru namootuma walfakkaataadha. Abbaay Xaayyee Dhaabbata Qorannoo Magaalaatirraa duubaan dhiiba. Maatiwos Asaffaa Maastar Pilanii akka duraatif maanajara, kan ammaatifis sanuma.
Walumaagalattuu Finfinneen handhuura teessuma lafaa, aadaa, seenaafi diinaggee Oromiyaati. Karoorri magaalaa kanaa kamiyyuu Oromiyaa ni laallata. Karoorri Oromoofi Oromiyaa osoo hin hirmaachisin bahu ammoo dantaa saba kanaaa miidhuun isaa waan hin oolle. Ijaa kana ta'eef moirmamuu qaba. Wayyaanees ta'ee humni biraa Finfinnee karoora baasuu dura gaafii mirgaa Oromiyaafi Oromoon magaalaa sanirraa qaban deebisuun dirqama. Sana ta'uu baannaan isaanis haa baasan Oromoonis fashaleessuu ittuma fufuun waan hin oolle.
Jawaar Mohammed irraa.

Leenjisoo Diigaa dhiira haati deette!!!

Seena Leenjisoo Diigaa hangam beektan gootummaa akkamii akka qabus barruu asii gadii kanarra dubbistanii hubachuu ni dandeettu. Arsii waraana shuraa ari'ee irraa muraa jedha oromoon Arsii duraan. Leenjiso Diigaa leenca lola raaree Mojoo 1881-1884 Aanolee

Lola Aanolee tahee kan akkan jajjaba tahe keessa kan bara 1882 keessa tokko lola ulfaataa akka turee seenan ni hima . baruma kana keessa Roobee Diida,tti Dajjaazmashicha Amahara tokko ajjeesuun Arsiin mirga aragatus .Kanaan boodaa hoggantonni jajjaboon akka Leenjisoo Diigaa Waayyuu Amiinyaa Mohammad Loodee Dilbatoo Qilxuu faan lola dhugaa Minilik waliin seenuu dirqama tahe ,kanumaan waliinuu yoo kan nu cinaa dhaabbatu tahe jechuunis garaa jalaan Goobanaa Daaceetti ergatanii turan ,garuu Goobanaa isaan cinaa dhaabbatuun hafee ufii isaatiifuu hookkoo foonii tahe .haalli bara 1881-1884 jidduu deeme horii saamuu caalaa kan lola raaree Mojoo irratti Minilik mataan isaa silaa silaa boojiahamu akkan taaneen baafatee ture fii Dibbeen (Nagaaritiin ) isaa Arsiin harkaa fudhatamte waan taheef sirriitti qoratamu malee deeboon Haxee Galaadiyoos Awaash ceenaan waraana Nuur Amiiniin boojiamee mataansaa muramee Karra Hararitti fannifame akka isa hin mudanneef sodaatame .Kutaan Arsii gaarrin akka Arbaa Guuguu akka Cilaaloo heedduu waan qabuuf qabbanti isaa rakkisaadha ,kana malee teessumti gaaraa isaa caasaa Hararii Baaleen walitti hidhu tahuu caalaa laggeen akka Shanaanii Waabeen marfamaadha ,kana hunda laaluun lola seenuu dura Minilik jaarsummaa marsaa lammataa manguddoon Arsii akka gama Finfinnee dhufanii waliin haasayan afeere ,akka kanaan jaarsoleen Suufaa Kuusoo fi Daamuu Iluu jedhaman Minilik bira deemuun mudate ,wal qunnamtiin isaan Minilikiin waliin godhan garuu "yoo gabbartan isiniin hin lolu!! " kan jedhu yoo tahes ergoon lamaan "biyya sitti kennuuf hin ergamne yaada kee Arsiittiin deebinee marihanna !" jechuun biraa galan . Korri gosoota Arsii guutuu yaammate godhamee ergoon lamaan waan Minilik jedheen gabaasnaan Arsiin lolee dhuma malee hin gabbarru jedhe,asirratti garee Minilik bira deeme keessaa Suufaan "akkamitti diina meeshaa baraatiin hidhate dura dhaabbachuu dandeenya? " jechuun mormii kaafnaan kan ergmaeef dhiisee garaa diinaa goree nu sodaachisuuf deema jennaan eegdotuma waraana isaa keessaa tokkoon bakka rafutti ajjeefamee argame ,akka kanaan falli jiru Arsiin gaaraa laga isaatti gargaaramee Minilik ufirraa dhoowwu murtffannaan Minilikis Adeera isaa Raas Daargeen hogganee waraana guddaa itti sochoose ,waraanni Minilik yaroon Arsiitti duule akkuma sodaatee yaroo cabbii qabbanaa waan taheef roobaa hurriin marfamee loluu dhiisii mataansaa Arsiin marfamuu hubatee hamma birraan dhufee qabbanti bahuu jechuun boollaa cimaa (Mishigii ) Fardi hin utaallee qotatee yaroo eeggatuu eegale Asirratti eegaa Suufaan ajjeefamee tooftaan Leenjisoon faan waraana Daargee harka kennisiisuu itti fayyadaman guutumaa guututti marsanii beelessanii qabbanaa fii cabbiin hifachiisee akka harka kenuudha. Waraanni Daargee garuu marfamuu isaa hubannaan gorsa ogeeyyii waraanaa alagaa irraa fudhatetti fayyadamuun baatii 3 guutuu naannoo itti marfame akka Mooraa waraanaatti qubatee boolla akka lagaa qililee (galchaa )marsaa dheeraa ufirra naannessuu caalaa boolla kana balina metrii 4 tii akka Fardi fedhe hin utaalletti gadi fageenya metrii 3 godhanii akka boolla Gadamsaa guutuu boollaa togaa (muka akka waraanaatti qarame) keessatti dhaabaa bahan .Kuni karaa tooftaa waraanaa yoo tahu karaa basaasummaa intaloo [Halkoo] jedhamtu naannoo sanii baala Tanboo "Qorondee " fii Aannan gurgurtu tan dhiirsa hin qabne dammayafatanii sababii qorondee waraanaa gurguruun eega wal tahan boodaa hujii basaasummaa (jaajusummaa )ti bobbaasanii erganii isii keessaan waan Arsiin keessa jiru qorataa turan ,booda irratti waraannii Arsii isaan marsuu itti gabaaftee jennaan deebisanii isima san itti erganii guyyaa Sanbataa waraanni Daargee ayyaana waan kabajuuf hatattamatti yoo itti sochootan harkaan qaqqabuu dandeettan jechuun Arsii sobdee mishigii Arsiin hin oduu isaa hin qabne kan Faradoon hin utaalletti gulufee akka seenu taasisanii waraanni Arsii 12000 caalaan boolla qophaayeefitti Faradoon gulufee dhumuu tahe ,akka kanaan Raas Daargeen lola Aanolee bara 1886 Arsii waan boollarraa hafe dhiiraa dubartii walitti qabee Aanoletti dhiira harka muruun dubartii harma muruun lafarraa fixuu eegale ,sababii kanaan gosti Arsii kutaa kana keessaa Baaletti godaanuu eegale ,warra eessumma kiyyaa Ammaa Dirree Sheek Huseen jiraatan warraa Sheekh Xeeloo jedhanam keessa isaan tokko . Akkoo tiyyaa seenaa kana irraa waan dhageysee naf hima turtee hanga tokko , warri eessuma kiyyaa kun wagga 120 boodaan ilmaan ilmaanii eessumaa kiyyaa baalee Dirree gadi dhiisanii dheeraatti galaan kuni seenaa ilmaan Oromoo kessaati heddu mudatee jirraa .Raas Daargeen eega Arsii fixeen boodaa jaajustittii isaa boodaraa (Halkoo Daargee )jedhamte qabatee Finfinnee deebi,ee dhiichisaa bahe ,isaan boodaas Fitaawraarii Haaylee Abbaa Seeyxaan kan jedhamu itti fufee guyyaa guyyaan harkaa harma nama 400 caalaa muruun addaa tahee Arsiin kuun harka kennee kuunis biyyaa godaane ,akka kanaa Leenjisoo Diigaa adda isaa hafee harka kennuu didee gaara kaanii kaan keessa utuu jiraatuu bara murasa booda addunyaa irraa du,aan booqatee kabajaa guddaan qabrame ,Halkoo Daargee Arsii ficcisiiftes Minilik bira geeffamtee eega kabjamteen booda akkuma aadaa Goobanootaa utuu jiraattuu gatamtee dullomtee duutee .
barreessan Sikkoo Abdalla.

Sunday 18 December 2016

Sooressa gameessa #Jaarraa Abbaa Gadaa

Bara 1977 gaafa jaarraan ABO keessa ture San waraani bilisummaa oromo 13,000 gahe ture.
     Yeroo sanitti waraani dargidha osso loli ogadeen hin Eegalin milisha malee
7000 ture. Waraani wbo gaanfa Africa keessatti hamma ummata Eritreatti Abdi
Hore ture.
Waraani wbo San jaaru keessatti jaarraafi Adam tukkaalee Ali (mulis gadaa) shoora guddaa tabatan
.
Yeroo San keessatti kan nama Ajaa'ibu
Jaarraa Abbaa Gadaa wardiya malee
Deema ture.

Jaagamaa Badhaane eenyuu???

Gaafa roobii/ 9/11/05/ kan
wareegamee Gootichaa #Jaagamaa
Badhaanee
Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo
goota, gara kuteessa fi gamna barattoota
kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura bu’aa
ture. Sochii barattoota bara 2000
jalqabamee irraa kaasee adda durumaan
kan baratoota qindeessaa turee fi kan
sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti
dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa
tokkoffa/ kutaa 7ffaa/ baratuu illee
maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee
kan qindeessa ture ta’uun isaa hiriyooti isaa
oso hirqinfatani dubbatu.
Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin
mufachiisnee fi kan namoota hedduuf
fakkeenya ta’ee dha. Kana irraa ka’uun
baratooti Oromoo naannoo Amboo akka
“motora’ sochii isaanitti isa ilaalu.
Wayyaneenis kanumaa irraa ka’uun akka
inni mana barumsaa irraa wagga
sadiif /2002-2005/ariyatamu goote.
Haata’uu garuu Jaagamaatiin kun haamilee
isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti
waa’ee gabrummaa Oromoo dubbatee
hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa
hin deebine. Yeroo kana mana suuraa
Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota
sadan kana yeroo hojjetaa tures sabbonota
Oromoo mamiltooti isaa dinqisifanna fi
jaalala guddaa horateera.
Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan
beektuuf dursitee baratoota keessa isa
baaftee kan isheen osoo baratooti
dhaadannoo isaanii illee dhageessisuu hin
jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite.
Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha
goota Oromoo kana irratti hedduminaan
argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa
faarfachaa kan isaa awwaalan. Sana qofaas
osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa irraa
deebi’anii alabaa ABO qabatanii halkan
guutuu goototaa Oromoo wareegaman fi
Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan
deebisan dhaadhachaa kan bulan. Ammallee
ummati Amboo “qabsaawaan ni kufa
qabsoon itti fufaa!” Jechuun fincila didda
gabrummaa itti fufaa jiru. Egaa gootii akkas
ummata isaaf fakkenya te’ee du’ee
barabaraan jiraata kan jedhamuufis
kanumaafi.
Injifannoon Ummata Oromoof!!

Friday 16 December 2016

Dhugaa jiru!!!!

#Warra qaamni ilaalu hundaaf
=========================
Warri qabsoo ummata oromoo akka keessaniitti akka waan ofii ABO dhaabdanitti ofiin dhaaddan dhugaan jiru kana ummannis ni beeka. Garuu Kan na dhibu abbaan fedhes qabsoo kana haa jalqabuu maalif tan gandaa gootan maalif nuun malee hin ta'u jettani kaan cunqursitu maaf ibsa adda addaatin mataa nu dhukkubsitu. Abbaan fedhe maqaa fedheen haa qabsaayu fedhii ummata oromoo guutuf hanga ta'etti maaf cinaa hin hiriirre yoo ummataaf yaaddan abbaan irrummaa kun wayyaanefu hin fayyanne Saba qabsorra jiru Abdii hin kutachiisina. Jaalattanis jibbitanis ummanni oromoo bilisoomun hin oolu halaala teettani of-tuulumma Kana dhiisaa. Qabsoon tan ummataati yoo dhugaan ummataaf yaaddan qabsawota oromoo walitti buusu dhiisaa. Jarmiyaale oromoo Kan karaa ganamaa irra deeman balaaleffachu dhiisaa cinaa hiriira karaan isin baasus kanuma. Hangam akka jibbamtan isinuu ni beektu nuti Kan barbaannu ABO ganamaa sani tan dhugaaf manaa baate. Galatooma yaada kiyya!!!!

ABO eennu bu'uuressee???

ABO eennu bu'uuressee???

#Warra qaamni ilaalu hundaaf
=========================
Warri qabsoo ummata oromoo akka keessaniitti akka waan ofii ABO dhaabdanitti ofiin dhaaddan dhugaan jiru kana ummannis ni beeka. Garuu Kan na dhibu abbaan fedhes qabsoo kana haa jalqabuu maalif tan gandaa gootan maalif nuun malee hin ta'u jettani kaan cunqursitu maaf ibsa adda addaatin mataa nu dhukkubsitu. Abbaan fedhe maqaa fedheen haa qabsaayu fedhii ummata oromoo guutuf hanga ta'etti maaf cinaa hin hiriirre yoo ummataaf yaaddan abbaan irrummaa kun wayyaanefu hin fayyanne Saba qabsorra jiru Abdii hin kutachiisina. Jaalattanis jibbitanis ummanni oromoo bilisoomun hin oolu halaala teettani of-tuulumma Kana dhiisaa. Qabsoon tan ummataati yoo dhugaan ummataaf yaaddan qabsawota oromoo walitti buusu dhiisaa. Jarmiyaale oromoo Kan karaa ganamaa irra deeman balaaleffachu dhiisaa cinaa hiriira karaan isin baasus kanuma. Hangam akka jibbamtan isinuu ni beektu nuti Kan barbaannu ABO ganamaa sani tan dhugaaf manaa baate. Galatooma yaada kiyya!!!!