Tuesday, 22 August 2017
Sunday, 15 January 2017
Seenaa gabaaba jaal/Musxafaa Huseen
SEENAA GOOTA OROMOO BARA 2016
Jaal/Musxafaa Huseen:
Abbaa isaa obboo Huseen Buttujjii fi Haadha isaa aaddee Saafayee Nuuraa irraa Godina Arsii Bahaa Aanaa Ziwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo ykn Haburaa, ganda Sanbaroo jedhamutti bara 1985 A. L. Htti kan dhalate yoo ta'u, umrii daa'imuummaa isaatti hanga humni isaa danda'een maatii isaa gargaaraa kan tureedha.
Booda umriin isaa barnootaaf gaafa gahu M/barnoota ganda sanitti argamu"zuwaayi Minci" jedhamu galuudhaan barnoota isaa sadarkaa 1ffaa eegale. Barnoota isaas qabxii gaarii galmeessuudhaan hanga kutaa jahaatti barataa sadarkaa tures. sana booda gara godina Shawaa bahaa magaalaa Baatuutti imaluun kutaa torbaafi saddeet M/barnoota "Adventist" jedhamutti barnoota isaa itti fufe.
Gootni kun yeroo barnoota isaa kutaa saddeet baratu, uffata isaa irraatti "ani ABOdha" jedhee barreessee jennaan barsiisaan isaatiifi dura taa'aan M/barnootichaa Biirootti waamanii akkana jedhaniin "Musxafaa uffata kankee jijjiiradhu amma irraa kaasii waan barreesite kanas haqi! qabsoon garatti malee ykn of keessatti malee mul'isuunii miti"jedhaniin. Innis "ani eenyummaa, Aadaa fi seenaa saba kiyyaa ifa godhee mul'isa malee,nyaata ykn dhugaatii miti kan garatti baadhuuf"! jechuudhaan aariidhaan deebiseef.
Akkuma hawwii isaa kana irraa hubannutti gootni kun nama quuqamni sabummaa guyyaa keessa itti dhagahame osoo hin taane, nama umrii ijoollummaa isaa irraa kaasee Biyyaa fi saba isaatiif yaadaa ture ta'uu isaa ragaan itti bahee jira. kaayyoo fi hawwii ofii kana galmaan gahuudhaaf jecha barnoota isaa kutaa 10ffaa bara 2005 A. L. Htti akkuma xumureen leenjii poolisummaa leenji'uun, isaas dandeetti adda ta'een xumuruun gara hojiitti galee humna nageenyaa poolisii Oromiyaa keessatti ramadamuun godinaalee Oromiyaa heddu keessa socho'uun lammiilee isaa hedduu lubbuu baraaraa akka ture namoonni hedduu ni galateeffatu.
Dhuma irratti FXG/Fincila xumura gabrummaa, Sabni Oromoo guutuu Oromiyaatti taasisee irraatti kabajaa fi jaalala saba ofiitiif qabu agarsiisuuf jecha osoo ani jiru saba kiyya na duratti Lukkeeleen woyyaanee Agaaziin lubbuu isaanii hin baastu jechuun qawwee isaa diinatti garagalchuun agaazii shanii hanga jahaa walirraatti akaayuun akkasumas kanaa olis fixuun akka danda'amu poolisoota fi humna waraanaa lammummaan Oromoo ta'aniif karaa saaqee fakkeenya ta'uun, lubbuu isaa qaalii/deebii hin qabne kennuun Godina Arsii lixaa magaalaa Ajjeetti Gurraandhala 07/06/2008A. L. Htti Oromoof woreegame!
Goota bara baraan seenaan yaadatu!
Suuraan asii-gadiitti argitan: kan Gooticchaa Musxafaa Huseen, haadha manaa isaa fi daa'ima isaa kan dhiheennya dhalatte!
Saturday, 14 January 2017
Seenaa gabaaba biyya xoophiyaa fi oromoo
#DINNEE#..DIDAA !ViV #Barisoo waabee iraayii.
Qabsoo bilisummaa Oromoo fuulli dhugaa gabrummaa diddaa ummata Oromoo yoo tahu ,fuulli dhoksaa daba fi dadhabsiisa humnoota farra qabsoo Oromoo keessatti ergaa alagaa geggeessaa turanii /geggeessaa jiranii akka tahe ….gaafii bira dabree dhalootni Qubee Warraaqsa Xumura Gabrummaa..( Dinnee Didaa ) itti fufee ..ittis fufaa jira !
Walumaa gala seenaan Impaayira Itoophiyaa jedhamu Yikonoo Amlaak 1270 irraa eegalee waggoota 745 dabraniif seenaa Mootummaa utuun tahin seenaa bulchinsa shiftaa amantaan gurmaayee ..gabroomfattoota adduniyaan gargaaramaa turee yoo tahu ,kan ummata Oromoo ammoo seenaa diddaa ti !.
Shiftaaleen seenaa bulchiinsa Itoophiyaa keessatti beekkamanii Mootii Moototaa uf moggaasan heedduu kan haati yookaan niitiin Oromoo hin tahin ..Oromootti heerumsiisuun yookaan Oromoo irraa fuudhuun ..yookaan aangoo bulchiinsa isaanii keessatti sadarkaa siyaasaa fi amantii guddaatti Oromoo muuduu dhaan ..diddaa ummata Oromoo tooyachuu kan yaalin hin jiran , Axee Libna Dingle 1507 haati Shamsiyaa Muhamed ,boodatti ( Giiftii Heleenaa ) jedhamte irraa hamma Axee Teedoroo 1869 intala Oromoo Mintiwwaab Alii .. Minilik intala Oromoo Xaayituu Bixuul …Haylasillaaseen Menan intal Oromoo akaakoo Imaam Mohammed Ali (Negus Mikael ) Qondaalotini Oromootaa bara Dargii Wayyaanee ..hedduu Tigree fi Eritriyaa fuudhuun diddaa gabrummaa ummata Oromoo dhaabuu tasuma hin dandeenye .
Waan ajabaa garuu diddaan Oromootaa waggoota dhibba dheeraa kana deeme , amantii ..maqaa ..afaanii fi fuudhaa heerumaan jijjiiramuu didee sadarkaa jalaa gubba hawaasaatti wal-simatee itti fufe ,gonkuma gita bittoota Shiftaa Itoophiyaaf rafanii raffisaniillee hin turre ,kanaafuu yaroo hedduu rakkoo Impaayira Itoophiyaa duubaan Oromootu jiraa himatu hamatus ,fakkeenyaa ajjeefama Axee Teedroos ( Magdalaa 1868 ) harka Oromoota Walloo Waaqshuum Gobazee yoo jiraatu ,waliigaltee karaa Jabuutii Finfinnee 1894-1917 gufachiisuu irratti harki dheeraan Imaam Muhamed Ali ( Negus Mikael Walloo) akka ture ..biras dabree dhibee Minilik itti du’e duubaan harki Xaayituu Bixuul …jiraachuu fi Confedereeshiin Oromoota dhihaa 1932 bilisummaa Oromoo labsee UN beeksise ,Sulxaan Abbaan Jifaar diddaa seena qabeessa duubaan yoo jiraatu ..ariisaa Xaliyaaniin 1935 Haylasillaasee biyyaa baasee waggoota 5 Itoophiyaa bulche duubaanis harka Oromootu jira jedhu .. gadoo kanaaf Oromoon farra isaanii taheef eega Haylasillaaseen gale “ Harki Jaanxilaa baree ! Miilli Caammaa si baree ! Haylasillaaseen galee ! maal taata Gaallaa Saree !!! “ jechuun dhiichisaa turan .
Iccitiin guddaan bulchiinsa Impaayira Habashaa jedhamuu keessatti bulchiinsi Itoophiyaa ittiin bulu kan sanyii irratti hundaaye tahee ( Kibra Nagast fii Fitha Nagast ) keessatti akka barreeffametti Itoophiyaa bulchuu kan danda’u nama dhalootaan fiixaa Suleeymaan ( Salamoon ) tahee , ilma Bilqiis ( Giiftii Saa’baa ) dhaloota dura bara 932 gara biyya Israael yaroo deemtee Suleeymaan ( Salamoon ) irraa dhaltee Minilik jedhame irraa dhalate tahuu qaba jedha ..Salamoom ( Suleeymaan ) tasumaa akka ilmoo hin argatin ragaan seenaa akka jirutti tahee ,seenaan sobaa kuni bulchiinsa Itoophiyaa kan Tigree fi Amaaraa kenname ..kabajaan isaanii kan tuqamne ..mootummaan isaanii kan fudhatamne ( Suyyuuma Egzaabiher ) tahuu hima …sanyiin Amaaraaf Tigree hin tahin hundi sanyii qulqulluu akka hin tahiniif irraa fuudhuun ..itti heerumsiisuu .. mootii biyyaa tahuun keessattuu yoo Islaama tahe akka badii taheetti .. yoo barsiisu ,sababiin guddaan Oromootni dhihaa Orthodox Church itti lagatan fi kan Oromoon bahaa Islaamummaa irratti cichaniif didaniif ..diddaa roorroo kanaa irraa akka tahe Gadaa Melbaa dhaloota Oromoof galmeessee jira
Diddaa Oromootaa falli kana jechuun tarkaanfiin Haylasillaaseen 1957 fudhate seera Impaayirichaa jijjiiruun Paarlaamaa biyyattii keessatti Islaamni akka filamuu dha ..Biiroon Ministeerummaalleen akka itti kennamu dha ,jijjiramni kun seera ( Nagda Yihuudaa ) Kibra Nagastiin cabsuu dhaa dursee kan morme Patriyaarkii( Phaaphaas ) Masrii Alexsaanadariyaan wal duraa duubaan ergitee ,wagaa 1500 caalaa dhimma Itoophiyaa murteessaa turan yoo tahu,Haylasillaaseen Phaaphaasa kana dafee jijjiiree Patriarch ( Phaaphaas ) Habashaan bakka buusuu caalaa, abbootiin aadaa fi amantii Oromootaa keessattuu baha Oromiyaa akka Dirree Sheek Huseen ,Abaadir fi Ayyoo Moominaa Suufii Umar Weebilee bulchan, waggaa waggaan Birriin Itoophiyaa 1000 Mootichaa itti arjoomee Galmi isaaniillee kabajamaa ( Gadaam ) tahuun murtaaye ..tahullee garuu Qeesoleen hedduun Gadaama biyyattii keessa jiran tarkaanfiin kun faalla seera keennaa waan taheef dhaabchuu qabaa mormuu caalaa humnoota tarkaanfiin kun itti hin tolin keessaan fiqilli Mootummaa Haylasillaasee garagalchuu Generaal Amaaraa Magistuu Newaay 1960 godhame duubaan hiriiranii turan , Mangistuu Newaay Kaabineen Ministeroota Haylasillaasee hunda walitti qabee yoo fixu ..tumsa Oromootaa akka argatuuf gaafatamni guutuun humna waraanaa Itoophiyaa Generaala Oromoo Generaal Muugeetaa Bulii tti kennamee, innis namoota ajjeefamuuf walitti funaanaman keessaa haadha manaa ( Manan) fi joollee Haylasillaasee fi namoota Oromoo galama Masaraa Mootummaa keessatti hidhaman hundumaa baasee dhoksee …Haylasillaasee yaroo san booqannaa hujiif biyya alaa ( Braaziil ) jiruun walii bilbilan .
Gaafiin duraa Haylasillaasee “ Yaa Generaal Bulii ! finqila Jeneraal Magistuu Newaay …Oromoon keessa jiraa ? “ kan jedhu yoo tahu ,deebisaan Generaal Bulii “ lakkii Oromoon waliin hin jiruu..” dha tahee ..eega Oromoon keessa hin jirre anis dhufaan jiraa iiti himee ..Operation Room Embasii biiya guddaa tokko keessatti godhameen finqilli Magistuu Nawaay fashalee
Dinnee Didaan ! Itoophiyaa keessaa dhuunfachuun dadhabame gurguddoon diddaa Oromootaa fi Eritriyaa waan taheef ..diddaa Eritriyaa qacalee 1962 waan eegalteef obsanii tan Oromootaa dhaamsuuf Generaalota Oromoo ( General Kabbadaa Yaaquub ,Generaal Geetaachew Dastaa ,Generaal Jaagamaa Keelloo,Generaal Waldasillaasee Barakaa …) hujiin manaa guddaan itti kennuun ,baha Oromiyaa ( Baale Arsii Harar ) gubuu…yookaan lola deemu ( Diddaa ) dhaamsuuf bobbaasanii …jijjiirama Mootummaa Somaaliyaa keessatti 1969 tahe waliin meeshaan lolaa ..Jaarraa Abbaa Gadaa faan qabatanii Oromiyaan seenuuf bahan harka Somaaliyaa galuun ..Jaarraan faan hidhamuun tarsimoo waraanaa jallisee ..marii dhoksaa Generaalota Oromoo keessattuu Generaal Jaagamaa Keelloo waliin taasifameen Generaal Waaqoo Guutuu faan ..1970 yaroof lola dhaaban .
Kanaan boodaa tarsimoon Mootummaa Haylasilaasee ,diddaa Oromootaaf Eritryaa cabsuuf dhaaba dhaaba keessatti jaaruutti amananii irratti hojjachuu eegalan ..Addi Bilisummaa Eritriyaa kan ..Osmaan Saaleh Sabbii faan hoggantu amantaa Islaamaa waan hordofuuf ..garee Kiristaanaa itti dabalamee keessaan isaan dhayu ..suuta suutaanis isaan diigu erguuf qophiin xumuramee ..akka isaan wal hin shakkineef gareen Esayyaas Afawarqii 1966 Kuusaa ( Magaazina ) meeshaa waraanaa loltoota Itoophiyaa Asmaraa keessa jiru cabsanii hidhanoo gayaan …akka baafatan ..warri keellaa eegus itti himamee “ jarrii teennaa dabarsaa ! “ jedhamanii Adda Bilisummaa Ertraatti yoo dablaman ..ergaa diinaa ( Mootummaa Haylasillaasee ) didanii ..1975 hoggantoota Adda Bilisummaa Ertraa duraa rukutuun 1977 dhaaba dadhabee ture karaa qabsoo bilisummaatti deebisuun ..tumsa ollaa Adda Bilisummaa Umata Tigraay leenjisuun Ertriyaan waggaa 30ti ..Tigreen waggaa 17ti kuun bilisoomee kuunis Itoophiyaa qabate .
Ergaan alagaa qabsoo Oromoo keessatti dursee kan eegale ,ciniinsuu dhaloota Adda Bilisummaa Oromoo1973 waliin yoo tahu ..wal gayii mana Baaroo Tumsaa fi Hooteela Waabee Shabellee keessatti godhameen .maqaa Itoophiyaatiin qabsooynaa fi kan Oromootiin ..hidhannoon qabsooyna garee jedhu fi ..hidhannoo hin barbaachisuu mormiin wal dhabbiin xumuramee ..mana Oromoo tokko ( A.B.O ) gareen hidhannoo fi gareen farra hidhannoo utuu wal beekuu wal cinaa hojjachuu eegale.. .
Tookummaa fi nagaya Itoophiyaa eeguuf A.B.O keessaan hojjannaan garee kanaa baroota 17 Dargiin Itoophiyaa bulche ..bahaa dhihatti dhaaba qoodee qancarsuu caalaa …Dargima keessaayyuu hojjataa warreen itti hiriiruu yaalan ..akka Lammaa Guutamaa ..Shaambal Takkaa Tulluu ..Generaal Gabra Kiristoos Bulii fageessuu caalaa ..Addi Bilisummaa Oromoo namoota muraasa ( Leencoo Lataa ..Galaasaa Dilboo ..Diimaa Nagoo ..Abbaa Caalaa Lataa ,Taaddasaa Ebbaa ,Abbiyyuu Galataa ..Dawuud Ibsaa ,Dhukaasaa Bakakkoo …) harkaa akka hin baane..irratti hojjataa turan ..hojjataas jiran .
Maal hojjataa turan …maal hojjataa jiru maaliif hoo ? ..itti fufa Bariisoo waabee irraa
Wallee Haacaalu Hundeessa
Inumaan tiksee malee kuulatoo,
Ashuffeen baddaa loon hin gabbisuu,
Inumaan rafee malee yaa lammii,
Tokkummaa dhabuun nama hin raffisuu.
Halayyaan hallayumaa maltuu halayyaan Huurufa jedhee,
Alagaan alaguuma,
Alagaan alaguuma maaltu alagaadhan fira jedhee.
Kobbortaa hormi naama hin baatu
yoo abbaan ofii baadhatee malee,
Roorroo ormarraa dhuftee,
Roorroo dinarraa dhuftee,
Maaltu namaa dhoowwa
abbaa dhoowwata malee Maaloo (x3)
Biyaa ormaa dhaquun naman dhibuu
galuu nama dhibaay,
Biyaa ofii yaa gaaddisa garbuu
aduun nama hin argu jarana.
Caamsaa dhuftan moo birraa
yaa saawwileen koo saayyan obori,
Caamsaas hin dhufnuu birraa,
Caamsaas hin dhufnuu birraa.×2
Hin dhufnu kaloo nutti bitani,
Kaloo nutti bitani,
Kaloo nutti bitani,
Furdannaan albeedhaan nu fixanii,
Maaloo (x3)
Jabbiloota koo,
ya jabbiloota odaa jalaa,
Kan nama nyaatu nu keessaa jira,
Jabiloota koo,
ya jabiloota odaa jalaa,
Kan nama nyaatu nu keessaa jira.
Maaloo (x3)
Maasaan gamaa lafa hin baatu,
Maasaan gamaa lafa hin baatu,
Talbaa facaafata taatii,
Talbaa facaafata taatii,
Tokko du'ee, tokkon taa'uu
wal gaggalaafata taatii,
wal gaggalaanna taatii.
Emmolee yaa garba ciisaa,
Waan ofii maaltu gadhisa
Emmolee yaa garba ciisaa,
Oromiyaa maaltu gadhisa.
Hacaaluu Hundeessaa Nuuf jiraadhu.
Friday, 13 January 2017
Oromoon eessaa dhufee???
▶of baruu barbanaan dubbisii
Hortee ummata Oromoo
______________________________
Booranii kaa Oromoti
Oromoon kaa xaboti
Xaboo kaa waaqoti
Waaqoo kaa dadhiti
Dadhiin kaa uteeti
Uteen kaa biteeti
Bitee kaa waalabuti
Waalabuu kaa jilichati
Jilichi kaa daawaroti
Dawaroo kaa hoofati
Hoofaan kaa sharati
Sharaan kaa haadiyati
Haadiyaan kaa Rabati
Rabaan kaa dooriti
Dooriin kaa mormor
Mormor kaa mamati
Mamaan kaa warari
Warar kaa waayuti
Wayuun kaa goodedi
Gooded kaa maridhati
Marin kaa galani
Galan kaa waaditi
Waadin kaa shunkur
Shunkur kaa lmaar
Imaar kaa batayi
Batay kaa lubaay
Lubaay kaa Malik
Malik kaa kuush
Kuush kaa haamii
Haamii kaa nuuhii
Nuuhii kaa Malik
Malik kaa matoshati
Matoshan kaa yahiti
Yahati kaa muhalalii
Muhalal kaa Akuni
Akun kaa Anushi
Anush kaa shishiti
Shishin kaa Adaam
Adaam kaa biyyeetii
Biyyyeen kaa bishanii
Bishaan kaa qilensaa
Qilensii kaa quduraa
Qudaraan kaa rabbii ☝
==<<<~~~~```=<<<<<<<=======
Oromoon ilmaan lama(2)dhale.
1- Booranaafi
2-Bareentuu
Booranni Ilmaan 12 dhale
Isaanis
1-Wallagga
2-Callabba
3-Goree
4-Goofaa
5-Sidaamoo
6-Arii
7-Dacee
8-Garrii
9-Guraa
10-Giriirraa
11-Naayroobii fi
12-Gujii
Bareentuun Ilmaan 5
dhale
1. xummuungaa
2-murawwaa
3-karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qal’oo
Xummuungaan Ilmaan 3 dhale
1-Arsii
2-Asoosaa
3-Hawaasaa
Murawwaan 1 dhale
Innis:- Ituudha jedhama
Ituun 10 dhale isaanis:-
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee
Karrayyuun Barentuu
Ilmaan 12 dhale
1-Dullachaa
2-Abbichuu
3-Gonbichuu
4-sayyuu
5-Oboo
6-Oborii
7-Jiillee
8-Bullaalla
9-Mucee
10-Galaan
11-Salaalee
12-Wallo
Hunbannaan Ilma 1 dhale
Innis:-
Anniyya jedhama
Anniyya 7dhale
1-Malkaa
2-Baabboo
3-Dinbii
4-Baaduu (biduuu)
5-muci
6-Naannaa'a
7-kudheedhee
Qallo 4 dhale
1-Ala
2-Daga
3-Oborraa
4-Baabbile
Ala 12 dhale
1-Abbayi
2-Nuunnu
3-kaaku
4-Buubbu
5-Diiramu
6-Abbaadho
7-Goollo
8-Eeri
9-Utayyu
10-Galaan
11-Meettaa
12-Arroojji
Daga 3 dhale
1-Noolee
2-Jaarsoo
3-Huume
Oborraan 3 dhale
1-Akkichu
2-bil'I
3-Dooranii
Baabbile 3 dhale
1-Gantuub
2-Hawiyyaa
3-Hawaasilee
Arsiin 2 dhale
1-sikkoo
2-mandoo
sikko 5 dhale
1-Bullaalla
2-Wucaale
3-wooji
4-Jaawwi
5-Ilaannii
Mando 7dhale
1-Raayituu (Raa'idoo)
2-Hawaxxuu
3-Karaara
4-karrayyuu
5-Meettaa
6-Arroojii
7-Garjeeda
Akkichuu Oborraa ilma 2
dhale
1-dhaayi
2-biliidaa
Dhaayi 3 dhale
1-Dukkoo
2-Kooyee
3-Allaatayya
Billiidaan 3 dhale
1-Godaanaa
2-busaa
3-Allaa
Gujiin Boorana 3 dhale
1-Hookkuu
2-Uraagaa
3-Matii (maatii)
Hookkuun 7dhale
1-Galalcha
2-Oborraa
3-Michille
4-Heeraa
5-Bundhituu
6-Kinnoo
7-Baallaa
Uraagaan 6 dhale
1-Goolloo
2-Hallaa'oo
3-Agantuu
4-Daraartuu
5-Sarboortuu
6-Waajituu
Maatiin 3 dhale
1-Hirqaantuu
2-Linsoolee
3-Hunde
Maddii issaa kitabaa seennaa irraa ☜✍
Wednesday, 11 January 2017
Seenaa Gabaabaa j/Nadhii Gammadaa
JAAL NADHII GAMMADAA, GOOTA IJA BARBADAA..
Maqaan dhalootaa isaa Qaasim Hajii Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan itti beekkamu maqaa Qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 kutaa Arsii Ona Zuway Dugdaa keessatti Abbaa isaa Haaji Usmaan Roobaa fi Haadha isaa Aaddee Amiinaa Borsee irraa dhalate.
Nadhiin bara 1993 wal ga'ii ABO irratti hirmaachuf waardiyoota isaa ja'a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsii fi Harargee jidduutti argamtutti butamee achi buuteen isaa dhabame.
Nadhiin goota sammuu qaroo kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekkama. Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa qabuudha. Arra mee jechoota muraasa dhaadannoo gatii qabdu tahu kan haasawa isaa humna qabeessa keessaa walitti guureen haa yaadannu.
👉🏾 "Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qooddanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya!"
👉🏾 "Osoo alagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru!"
👉🏾 "Hiree Ummata Oromoo kan murteessu Ummata Oromooti malee anaatu sii beeka karaa kana deemtu malee kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti!" jedhuudha!"
👉🏾 "Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani!"
👉🏾 "Hundi Keenyaahuu Ummanni Oromoo bakkayyuu harka wal qabannee waliin dhaabannee waan warri Aanooleetti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannu!"
👉🏾 "Oromoon tokko. Amantiin addan baahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu!"
👉🏾 Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu!" fi kan kana fakkaatan danuutu jira.
Qabsoo Keenya Itti fufnna, Injifanno Ummata Oromoof!
Jaal Nadhii Gammadaa, Goota ija barbadaa.
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Amajjii, 2016
Sunday, 1 January 2017
Ijaaf gurri ummataa yoomis hin cufatu!!!!
Saamichaa fi ajjeechaan ummata oromootiif waan haarawaa miti.
=====================
Hardhaa mitii bara mootummaa Haylasiillaseetu sagalee ummata oromoo diinni ukkaamsu hin dandeenne.seenaa media oromoo baroota 60 moota keessa asuma biyya Misraa magaalaa kaayirotti qabsaa'onni oromoo gadaa san biyya kana keessa turan kanneen akka Dr sheek Mohammed Rashaad Abdullee fa'a Mootummaa bara san biyya tana bulchaatin ture Jamaal Abdul-Naasir irraa eeyyama argachuudhan afaan oromootiin rakkoo saba keenna irra gayaatin turte balballoomsuuf woytii hojii eegalanitti, mootummaan gabroomfataan jela seenudhaan gadaa sanitti worroota biyya tanarratti angoo qabaniif erga gubboo dhayaniifin booda,sagantaan sun akka cufamu taasifame.galata saniif magaalaa finfinneetti Jaanhoy Daandii finfinneen keessa jiru tokko kan maqaa "charchar godaana" jedhamuun akka moggafamus taasifameef.Gochi diinummaa kuni kanaan qofa hin dhaabbanne,Raadiyoo afaan oromootin Somaaliyaa moqaadishoo irraa sabboontonni ilmaan sabaa kanneen akka Gaazexeessaa Ayuub Abbubakar,Shantam Shubbisaa,Yuunis Abdullah fi waahillan isaani sirbaa sagantaalee afaan oromootiin dabarsaatin turan mootummaa haylasillaasee dhugaan ummata oromoo ifatti baatee muldhachaa dhufuun hirriba isa waan dhooggiteef,tooftaalee gara garaa fayyadamuudhan Gaazexeessitoota ajjeesuudhaan fuggisoo tamsaasa saniitiif raadiyoo afaan oromoo harar irraa darbu hundeessudhaan sagantaan suni akka laamshoftu shira danuu dalagaatiin turani.haa ta'uu garuu carraaqqii qabsaa'otaa fi sabboontota ilmaan sabaatiin afaan saba keennaa akka diinni yaade sanitti awwalamee hin hafne hardha gayeetiin dhaloota qubeetiin irra-aanee afaan barnoota fi afaan media guddaa ta'eera.
Yoomillee taanaan diinni keenna nuuf hirriba rafeetiin hin bulu guyyaaraa tooftaa jijjiraa shira gita hin qabne nutti malaatiin bula.akkuma ummanni oromoo kitilaayyoon quba qabu diinni saba oromoo kan dhufee darbu cuftinuu hiree argate cufattu dhimma bahuudhan daandiilee ittiin waanjoo gabrummaa nurratti fe'eetiin bultii ittiin baafatu malachuu hin dhiisu.Afaan oromootiin saba himaaleen harka mootummaa jiran kan tamsaasani dantaa fi olola gabroomfataa saniiti malee,kan ummata oromoo fayyadu hin turre. Erga media'n ummata oromoo guddichi kan rakkoo saba baldhaa irra gahaatiin turtee fi jirtu gurra addunyaatiin gayee dararaa saba oromoo diinonni keenna nurratti raaw'ataa jiru ummattoota addunyaatiif ibsee,diinummaa abbootii irree ifatti saaxile kana mootummaan gabroomfataan amma biyyaa bulchaatiin jiru media kana balleessuuf gaarri isaan hin korree fi dhagaan jarri hin buqqifne hin jiru.marroo 15 oli doolara miliyoona danuu itti dhangalaasaniitiin ugguruuf dhama'aatiin turaniiru garuu itti milkaayuu hin dandeenne dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbatti akkuma jedhamu.
Ololli miidiyaa kana balleessuuf erga gaafa inni dhalate kaasaaniitiin irratti oofamaatiin turee fi jiru kan salphatti ilaallamuu miti.
Gochi saamichaa guyyaa hardhaa Studio OMN-Cairo tti raawwatames qaamuma shira kanaati.ammaaf gochi kuni ifatti eenyuun akka raaw'atame beekkamuu baatullee,qabeenya saba baldhaa biyya heeraa fi seera mataa ofiitiin bultu keessatti waajjira humnaan cabsaniitiin leecalloo ummataa saamuun hedduu kan nama gaddisiisuudha.
Hiyyeessa garaa murate bishaan raafutu gabbisa jedhe oromoon kiyya.gaafa dhalanne duune waan ta'eef ilmaan sabaa qaaliin bilisummaa saba isaanitiif kumaatamni dhumaniiru.nutis saba keennaaf woreega kamiinu ni kafalna! Via usmaan Bayu